14 inni aka siifi worri kankeleeni baafamtani siti hima.
Anini wold'aqisa siifi ilmaani teetifi d'aloota d'ufule woliini tolfad'u jabeese, wold'ageetiini teenna ta jiru jireenna taati. Anini Waaqa keetifi ka ilmaani tanteeti taha.
Anini isa yayu fohad'e, aka inni ilmaani isaatiifi ababoota isaa gorse, aka worri na ch'aqase waan dansaafi ka qajeela tolchu. Yo worri waan kana tolche, anileeni waan Abrahamuu Intolcha jed'e ch'ufa intolchaafi.
Ammo nama AABBO Waaqa sodaatu jaalalti isaa haga jirtu biraa indeemtu, dansumti isaaleeni haga jirtu ch'ufa,
Ilmaani nama dansa lafa keesati irre horati; d'aloota isaa ch'ufa ineebisani.
Nami d'ugaa qajeelani wollaala intolchu, ilmaani isaaleeni takaa tana eeba argatti.
Anini herega toko ch'alla worraa kenne: aka hojja ch'ufa dansuma ufitifi ta ilmaani isaaniti jed'ani na sodaatani.
Nami d'ugefate batifamu imbaafama, ammo ka ind'ugefanne wollaala iti murani.
Wonti akanatiifi Ilmi Nama ka bade barbaade baasu d'ufe.
Ammalle aka seeri isaa jireenna hegeri namaa kennu imbeekha. Wonti anini dubbad'u kuni waan Aabbooni, Dubbad'u naani jed'e.
Ammo haga kana ya t'aafani, aka isani aka Yesoni Kristo Ilma Waaqa d'ugefattani, d'ugefannaani aka maqa isatiini jireenna argattani.
Duuba abbaani suni aka hojja Yesoni, Ilmi kanke imfaya isaani jed'e beekhe, isaafi worri isaa ch'ufti d'ugefatani.
Wonti nama jiraachisa Lubbu Waaqaa; fooni woma imbahani. Dubbini anini isaniti hime Lubbufi jireenna.
Simoni Petroni waan jed'eeni, Aabbo, eennuti yaana? Atini dubbi jireenna hegeri qabda.
Inni nama dansaa ka Waaqa sodaatu, isaafi worri isaaleeni. Inni guddo maro Waaqatiifi wo namaa kenne, guyya ch'ufale Waaqa kad'ata.
Worri waan jed'e, Kornelio gudda askarti, nama d'uga, ka Waaqa d'ugefatu, ka gochiti Yahudi ch'ufti saadu, afaani malaika qulqullo tokotiini Waaqi gorse, aka inni mana isati si yaame dubbi tante d'agayu.
Raagi ch'ufti isa d'ugeesa, aka maro maqa isatiifi nami isa d'ugefatu ch'ufti araarama argatu.
Inni keessuma nama toko, ka Simoni jed'ani, ka goga machaleesuti; mani isaa afaani galaanati.
Inni aka malaika mana ufi keesati arge nuti hime. Malaikaani suni waan jetteeni, Nama gara Yafa ergi, nama toko ka Simoni Petro jed'ani yaami;
Worra ufi ch'ufa woliini batiso argannaani waan nuuni jette yo isani aka anini Aabbo d'ugefad'e agartani, mana kiyya koota achi taa, jette nu sobate.
Krisponi, ka gudda mana Waaqaa, worra ufi ch'ufa woliini Aabbo d'ugefate. Nami Korintho hedduuni waan kana d'ageennaani d'ugefate batifame.
Kakhu Waaqa isanifi ilmaani teesani kakhatani, ammalle ta eegi tana d'alattule — worra Aabbo Waaqi keenna ufiiti yaamu ch'ufa.
(Ee d'uguma, Stefanafi worra isaale nati batise, ammo waan nama d'ibi batise insehu.)