Ato inni waan kana heregu, malaikaani Aabbo oobjuuni isati mullatte waan jetteeni, Yusufu, ilma Daudi, Mariamu fuud'u insodaatini. Garaachi isiini qabdu kunini ka Lubbu Qulqulloti.
Lubbufi intalti fuud'a, kooti jetti. Nami waan kana d'agaye ch'ufti ha kooti jed'uuti. Nami dubbi qabu ch'ufti ha d'ufuti nami fed'u bisaani jireenna ha gati male d'uguuti.