13 Ammo anini si kad'ad'a, ee AABBO Waaqa; atini hojja sii malte na d'agayi. Maro jaalala tante guddotifi na ch'aqasi, waan atini, si baasa jette kakhateefi.
Gaafa lafa jiru, Yesoni qonqo guddofi imimaaniini aka male Waaqa kad'ate, ka dandae duisa keesaa isa baasu. Waan inni Waaqa sodaateefi Waaqi isa d'agaye.
Gaafa isa arabsani inni taka nama inarabsine; isa gaargalchinaani inni nama tokole insodachiimne, ammo abdi ufi, Waaqa d'uga, ka d'uga gula wo qoru, gubba keyate.