Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Faaru 53:2 - KITAABA WAAQA

2 Waaqi gubbaa nama gadi ilaale, aka nami woi hubate isaa kad'atu lafa keesa jiru arguu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Faaru 53:2
14 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Amma atinileeni, ilma kiyya Solomoni, Waaqa abba kanketi beekhi, garaa tokofi qalbi tokooni isaa hojad'i. Inni heregaafi fed'i teenna ch'ufa imbeekha, yo barbaadde isa inuma agarta; yo atini isa iraa gorte, inni haga jiru jireenna si abaare si lakisa.


duuba inni kae gara Asa d'aqe waan jed'eeni, Asafi worra Yudatifi ka Benjamini, na ch'aqasa. AABBO Waaqi isani woliini jira, yo isani isa woliini jiraattani. Yo isani isa barbaaddani, isa ind'abdani, ammo yo isani isa lakiftani innileeni isani lakisa.


Ammo ato atini akasile taate, dansumti diqooni toko siuma keesa jirti. Atini Waaqa d'ara, ka Ashera jed'ani, ya lafa keesaa balleesite haga dandeetu Waaqa d'ugaa barbaadde.


Waaqi waan namaani jed'e, sodaani Waaqaa qarooma, ch'ubbu lakisitini hubacha.


Ch'ubbichi herega isaa keesa diqole Waaqa inargu; inni kiyyibe, Waaqi injiru jed'a.


AABBO Waaqi, ka fulla qulqullo gubbaa jiru, Fulla Qulqullo suni gadi ilaale, lafa arge.


AABBO Waaqi Mana isaa qulqullo keesa taa; barch'umaani isaa ka guddinna gubba jira. Inni ila ufiitini nama ch'ufa ilaale, waan worri tahu beekha.


Nami qalbi horachuu fed'u qaraa fiit'e AABBO Waaqa sodaachuu male. Nami gorsa isaa gula deemu ch'ufti qalbi dansa argata. Haga jiru jireenna ha isaa faarsani.


Gaafa atini, kooti na kad'ad'i nani jette, anini, AABBO Waaqa ind'ufa;


AABBO Waaqa barbaada, hojja inni argamu, Waaqa yaamad'a, yo inni d'io jiru.


Anini waan worri tolchu ch'ufa inarga. Wonti na duraa d'okhata tokoleeni injirtu; ch'ubbuuni worraleeni na dura ind'okhatu.


Nami tokoleeni dandae fulla tokoleti na duraa ind'okhatu. Isani aka anini fulla ch'ufa lafafi gubbale jiru imbeetani?


Garaa tokooni jabeesa guuta, gula deema, aka akanaani gochiti d'ibileeni aka isani qaroo beetu. Hojja seera kana ch'ufa d'ageetani, gochiti tunini, akami qaroomafi hubacha akana tana qabdi? jette wolgaafati.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ