8 Qaabad'a, aka Aabbooni nama ch'ufaa galata kennu, tisseefi balchale, maro huji dansa ta inni tolchuufi.
Ch'ubbichi woma inhoratu, ammo nami qajeeluma gula deemu waan dansa argata.
Yo akasi taate waan dansaati baata.
ammo worri ch'ubbu imbada, badiini worraa inooltu. Waan worri duri nama tolche amma worra tolchani.
Ilmi Nama malaika ufi woliini guddinna Abbaatiini d'ufa, duuba nama ch'ufa huji isaa gula waan isaa male kennaafi.
Worri waan jed'eeni, Nami tokoleeni huji nu inqorre. Inni waan jed'eeni, Yoosi isanileeni d'aqa, oobru tiyya keesa hojad'a.
Hojja suni gammada, qilit'ama, gatiini teesani ta gubba jirtu waan guddo. Akuma kana raagoota duri gaargalchani.
Eegad'a aka huji teesani dansa nama durati intolchine aka nami argu. Yo akasi tolchitani Abba keesani ka gubba jiru galata ira inargattani.
aka qarqaarsi kanke waan d'ossa tahu, duuba Abbaani kanke ka waan atini d'ossaani tolchitu argu galata si baasa.
yoosi eeba argatta; wonti akanatiifi worri waan si deebisu inqabu. Waan suni ch'ufa guyya kaisa jara d'uga si deebisani.
Ammo nyaapa keesani jaalad'a, waan dansa tolchaafi; ergisaafi, ammo woma iraa ineegatiina. Duuba waan guddo argattani, ilmaani Waaqa Gubba Jiru taatani. Wonti akanatiifi inni worra galata imbeenneefi worra dabale inahafi.
Akasuma nu ch'ufa, Yahudifi gosa d'ibile, tisseefi balchale, ya Lubbuuni nafa tokocha kanati nu batifte, ammalle nuu ch'ufa ya Lubbu taka quufsani.
Nuuni ch'ufti Kristo dura eju malle, aka inni dubbi teenna qore, nami ch'ufti waan argachu male argatu, waan inni nafaani tolche gula, hamtuufi dansale.
Tanaafi Yahudifi gochiti d'ibileeni takuma tisseefi balchaleeni takuma, d'iirafi nad'eenileeni takuma; Kristo Yeso keesati nami ch'ufti taka.
Maro waan kanatifi Yahudiini yokhaani gochiti d'ibiini injirtu, nama qabanqaba qabatefi ka inqabatini injiru, nyaapafi nami aada imbeenneleeni injiru, tisseefi balchaani injiru, ammo Kristo ch'allati jira, ammalle waan ch'ufa isumati keesa jira!
Qaabad'a, Aabbooni galata isanii deebisa; waan inni gumi ufiti olkaye inargattani. Wonti akanatiifi Abbaani isani hojattaniifi Kristo.
Nama waan hamtu tolchu, abba ufi taanaanile waan hamtu isa tolchani, Waaqi nama ch'ufa aka tokotu herega.
Tanaafi garaa jabaad'a, yo akasi tolchitani, gati guddo argattani.
Inni hori lafa Misiri ira, araba maro Kristotiifi isa arabsani dansa heregate, waan inni galata eegi tana heregeefi.