30 wonti akanatiifi nu mita nafa isaati.
Jennaani namichi waan jed'e, Eegi ufi jibbaad'e, lafe lafe tiyya keesaa baate, yokhaani fooni fooni kiyya keesaa bahe ya argad'e; uwa isiini jed'ani, waan isiini d'iira keesaa baateefi.
Akasuma ato nu nama heddule taane, Kristo keesa nuuni ch'ufti nama toko, ammalle akuma mitaani nafa ch'ufti wolti ejitu, nuleeni wolti ejina.
Isani aka nafi keesani mita Kristo imbeetani? Anini mita Kristo toko fuud'e nafa sharmut'a tolcha? Hiyyo, intaatu!
Gumiini Waaqa nafa Kristoti; qit'ooma isaati, ka waan ch'ufa fulla ch'ufati qit'eesu.
Nami ufi jibbu injiru, ammo namu ufi bulcha, akuma Kristoni gumi Waaqaa tolchu;
ammalle Kristo, ka mataa isaatu ya jabeesu lakise. Qorqorti Kristo jalati nafi ch'ufti inquufa, mitafi maach'eerati wolti qaba, akuma Waaqi fed'u guddata.