Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Efessoon 4:13 - KITAABA WAAQA

13 Duuba nuuni ch'ufti garaa tokooni, d'ugefacha teennafi beekhuma teenna ta Ilma Waaqaatiini wolti d'umna; nama gugurda taane, haga Kristoni gahu geenna.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Efessoon 4:13
34 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Eegi guddo gaargale inni deebie gammada argate, aka gaargali isaa sunini wo namaa bahu beekha. Hojattuuni tiyya dansaani, ta guddo na gammachiiftu, ch'ubbu nama heddu fud'ata, aninileeni maro isaatiifi worraa araarama.


Duuba anini qalbi nama gosa ch'ufa garagalche qulqulleesa, aka worri maqa AABBO Waaqa ch'alla yaamate garaa tokooni isaa hojatu.


Duuba AABBO Waaqi hayyu lafa ch'ufaa tahe, nami ch'ufti aka Waaqa isa guddise maqa isaa ka AABBOTIINI isa beekha.


Waan ch'ufa Aabbooni ya harka kiyyati kenne. Abba male, nami Ilma beekhu injiru, ammalle nami Abba beekhu injiru, Ilmaafi nama inni iti mullisu fed'u male.


Eebiti isaa qit'e, hojja ch'ufa guddo nu eebisa.


Waan kana maro naafi Abba imbeenneefi isani tolchani.


Wonti ani kad'ad'u, aka worri ch'ufti takaa tahu, akuma Aabbo, atini na keesa jirtu, anileeni si keesa jiru, aka akasuma worrileeni nu keesa jiraatu. Ammalle aka nami lafa, aka atini na ergite d'ugefatu.


Ammalle jireenni hegeri kana: aka atini Waaqa tokocha d'uga si beekhani, Yeso Kristole ka atini ergite beekhani.


Nu la d'ugefanne, ammalle imbeenna aka atini Qulqullo Waaqa.


Gumiini d'ugefatte suni ch'ufti nama garaa tokotiifi qalbi tokoti. Nami tokoleeni waan qabuuni kiyya injenne, ammo waan qabani ch'ufa gargari qoodatani.


Oboleyaani tiyya, anini maqa Aabbo keenna Yeso Kristotiini isani kad'ad'a: waan jettani keesati isani ch'ufti wold'aqa, aka wolmormitani wolind'amne; wold'aqa, heregafi waan feetani ch'ufa keesati takaa taha.


Herega keesani keesa aka ijoolle intahiina, oboleyaani tiyya; waan hameennati ijoolle taha, ammo herega keesani keesati nama gudda taha.


Ammo worra aka dansa waan lubbu barateti anini qalbiini dubbad'a. Ammo qaroomi sunini ka lafa tanaatiiniti, yokhaani ka jabeenna lafa tana fiduniti — ka hobau jiru.


Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.


Ijoolle tiyya, akuma haati nama d'altu ch'ininfatte d'ukubsattu, anileeni isanifi d'ukubsad'a, haga Kristoni isani keesati uumamuuti.


ammalle Waaqa, Abba guddinna, ka Aabbo keenna Yeso Kristo, kad'ad'a, aka inni lubbu isani qaroomsite Waaqa isaniti mulliftu isanii kennu, aka isani baratani.


Gumiini Waaqa nafa Kristoti; qit'ooma isaati, ka waan ch'ufa fulla ch'ufati qit'eesu.


Seera Yahuditiifi aada seera suni balleese, aka gosa tana lamaani takaa tolche akasiini nagayaani nu d'ufe.


Wonti inni waan kana tolcheefi aka gumi Waaqa ch'ufa huji Waaqaati kurfeesu, aka nafa Kristo jaarani.


Takaa tahiti Lubbuuni namaa kennitu jabeesa qorqorad'a, nagaya takaa isani tolchu suniini.


Aabbo tokofi d'ugefacha tokofi batiso toko ch'allati jira;


Anini Kristo beekhe jabeenna kaisa isaa ch'alla argachu fed'a; gaargala isaa argad'e duisa isaa keesa aka isaa tahu fed'a,


Waan kana ch'allaaniti; maro lubbu Aabbo kiyya Yeso Kristo ta waan ch'ufa ira guddotiifi: maro isiitifi anini ya waan ch'ufa lakise. Waan ch'ufa anini aka huura herega aka akasiini Yeso argad'e,


Tanaafi nu waan Kristo nama ch'ufati odeesina. Nama ch'ufa gorsineti barsiimna, qalbi teenna ch'ufaani, aka nami ch'ufti Kristo keesati guddate fuula Waaqa duraani d'umnu.


Wonti anini waan kana tolchuufi aka garaani worraa jabaate, worri ch'ufti jaalalaani wolti mataqe, dubbi d'uga ta hubachaani d'uga d'uftuuni argatu. Kara kanaani waan Waaqi duri d'osse argatani, wonti sunileeni Kristo.


Ammo sagaleeni jajabduuni ta nama gugurdati, ka hubacha argate waan dansaafi hamtu gargari beekhu.


Kara kanaani, inni ya kakhu dansa, ta guddo wo nu baatu nuu kenne, aka eegi waan inni kakhate argattani, d'araa badi, ta lafa tana keesa jirtu, duraa baatani, Waaqa fakaattani, jireenna isaa qoodattani.


Ammo eebafi hubacha Aabbo Qarqaarsa keenna Yeso Kristo keesa guddad'a. Guddinni ka isaati, ammafi hegerile! Amini.


Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ