Yesoni waan worraani jed'e, Isani waan t'aafiini jettu taka insoomne? D'akhachi ijaartuuni tuffatte dide ya d'akha ch'ufa ira jabaa tahe. Aabbooti waan kana tolche, ila teenna durati wonti kuni waan mamaati!
Gumi keesaleti Waaqi ya nama ch'ufa fulla ufi kenneefi: qaraa fiit'e ergattu, ta lameeso raagoota, ta sadeeso barsiiftu; duuba jara waan mama tolchuufi ka d'ukuba fayyisufi ka nama qarqaarufi ka nama dura deemuufi jara afaani d'ibiini dubbatu.
Yakobofi Petrofi Yohanani, jari jaarole fakaatu, aka Waaqi huji tana naa kenne arginaani, naafi Barnabale ee jed'ani nu gula galani, nu nama taka taane, gosa d'ibi keesa hojanna, worri ha Yahudi keesa hojatu jenne woliti buufanne.