18 Maro Kristotiifi nuuni ch'ufti, gosa d'ibiifi Yahudileeni, Lubbu takaani fuula Abba dura d'umna.
Anini ilmaani Dauditifi worra Yerusalemu kaani d'ibi herega naasutiifi ka kad'achatiini guuta. Duuba namicha woraanaani ijeesani kaani laalani, akuma nama ilma tokocha bohu bohaniifi. Aka worri ilmi angafa iraa due bohu, garaa hamaatani bohaniifi.
Tanaafi fulla ch'ufa yaa, gosa ch'ufa nama kiyya tolcha: maqa Abbaatiifi ka ilmaatiifi ka Lubbu Qulqullotini aada batiso namaa kenna,
Tanaafi Yesoni ammalle waan worraani jed'e, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, anini karra hooliyeeti.
Anini karra. Yo nami naani olseene imbaafama; ammalle seene, gabahe d'eeda argata.
Yesoni waan jed'eeni, Karaani ana, d'ugaafi jireennileeni ana; nami tokoleeni gara Abba ind'aqu, anaani d'aqu male.
Inni ya d'ugefacha teennaani, eeba Waaqaatiini nuu d'ufe, ta nu amma keesa jiru tana. Nu maro abdi, aka guddinna Waaqa qoodannu qamnuufi gammanna!
Lubbuuni Waaqi isanii kenne sunini tisse isani intolchitu ammalle isani insodaachiiftu; ammo Lubbuuni ilmaani Waaqa isani tolchiti, ammalle jabeenna Lubbutiini Waaqati boonne, Aabbo, Aabbo jenna.
Akasuma nu ch'ufa, Yahudifi gosa d'ibile, tisseefi balchale, ya Lubbuuni nafa tokocha kanati nu batifte, ammalle nuu ch'ufa ya Lubbu taka quufsani.
nu Waaqa toko ch'alla beena; inni Abba, ka waan ch'ufa uume, nu isaafi jiraanna; ammalle Aabbo toko ch'allati jira, Yeso Kristo, ka wonti ch'ufti isaani uumamte, nuleeni isaani jirru.
Waaqi aka, aka nu ilmaani isaa agarsiisu, Lubbu Ilma ufi erge garaa keenna ke kaye, ta Aabbo, Aabbo kiyya jettu.
Isa keesa waan nu isaa d'ugefanneefi, fuula Waaqa dura d'ufu indandeenna, ch'eerafi soda male.
Maro waan kanatifi anini Aabbo durati jilbifad'a,
Nafa tokofi Lubbu toko ch'allati jira, akuma abdiini toko, ta Waaqi iti isani yaame.
Waan kana ch'ufa kad'achaani tolfad'a qarqaarsa Waaqa kad'ad'a. Hojja ch'ufa Waaqa kad'ad'a, akuma Lubbuuni isani agarsiiftu. Maro waan kanatifi hojja ch'ufa kurfo eegad'a; ufi injibaatiina, hojja ch'ufa gumi Waaqati kad'ad'a.
Ammalle aka Abbaa galata deebiftani qilit'amtani, ka isani qit'eese qooda waan inni gumi isati khakhate isani kennu, finna ifsa isaa keesati.
Seeri Musa dandae woma tokole inqit'eesu. Amma abdi d'ibiini ya d'ufani, ta Waaqati nu d'ieesitu.
Nu arabaani Aabboofi Abba keennaa galata deebimna, arabuma suniini nama d'ibi abaara, ka fakeenna Waaqa gula uumani.
Hojja Waaqa, ka nama ch'ufa waan inni tolche gula aka taka qoru kad'attani, Aabbo jettaniini; tanaafi haga lafa tana keesa jirtani isa sodaachu maltani.
Maro isatiifi isani Waaqa d'ugefattani, ka duisa keesaa isa kaase, guddinna kenneefi; tanaafi d'ugefachaafi abdiini teesanileeni Waaqa ilaalti.
Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.
Ammo isani, jaallaani tiyya, d'ugefacha teesani qulqullo jabeesa gula yaa. Jabeenna Lubbu Qulqullotiini Waaqa kad'ad'a,