Nu waan kana imbeenna: finna keenna dullacha ya Kristo woliini maskali gubbati fannisani, aka jabeenna nafa dabaa balleesani, aka nu iti deebine tissele daba intaane.
Waan seeri maro laafinna nafatiifi tolchu dad'abe, Waaqi ya tolche. Inni daba nafa nama keesa jiru wollaala iti mure, Ilma ufi erge, ka nafa namatiini d'ufe sorio daba balleesitu tahe.
nami amma jiru ananiti, Kristoti na keesa jira male. Jireenna anini amma jiru kana maro d'ugefacha Ilma Waaqaatiifi jira, ka na jaalate jireenna ufi naa baase.