Anini kakhu tiyya ta d'aloota kunki kunki jabeese ch'ubbufi hameenna worraa araaramafi; ammo anini d'aloota sadeesotiifi ka afreeso ka abbootini worraa daba tolchite ingaargalcha.
Ee AABBO, nu d'agayi, AABBO, nuu araarami, AABBO nu ch'aqasi, nu qarqaari! Aka nami ch'ufti aka atini Waaqa si beekhu, AABBO, hurrisi nu qarqaari! Dirafi gumiini tunileeni teeti.
Waaqi ya isa sorio namaa tolche, aka maro d'iiga isatiifi daba namaa araaramani. Araarama kana yo d'ugefatani argatani. Wonti Waaqi Kristo sorio tolcheefi, aka d'uga ufi agarsiisu. Duri Waaqi obse wollaala bira namaa dabre;
Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.
Duri isani maro daba keesanitiifi, ammalle waan gosa d'ibi ta Seera qabanqaba jala injirre taataniifi dootani. Ammo amma Waaqi ya kristo woliini isani ijeese! Waaqi ya daba keenna ch'ufa nu araarame.
Worri suni nama nad'eeniini ufi int'ureesiini, ka taka nad'eeni imfuud'iini. Fulla Ilmeeni Hoola deemtu ch'ufa gula deemani; ya nama lafa ch'ufa keesaa worra baasani, ammalle worri suni worra qara ka Waaqafi Ilme Hoolati baasani.