Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Efessoon 1:3 - KITAABA WAAQA

3 Waaqa, Abba Aabbo keenna Yeso Kristo galata deebimna! Inni Kristo keesa nu eebise eeba ch'ufa ta lubbu gubbaa nuu kenne.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Efessoon 1:3
39 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Waaqa gudda ka nyaapa kanke ch'ufa si dabsachiise ha faarsani! Abramuuni hori nyaapa iraa deebise Melkizedeki qoode.


gochiti lafa tana ch'ufti maro ilmaani tetitiifi eeba argatti, waan atini dubbi tiyya d'ageeteefi.


Jennaani Daudini waan gumi ch'ufaani jed'e, AABBO Waaqa keesani faarsa! Jennaani gumiini ch'ufti AABBO, Waaqa ababoota isaani faarsite, AABBO Waaqafi hayyu durati gajejete guddifte.


Ammo Yabeesini Waaqa Israeli yaamate waan jed'e, Ee Waaqa, na eebisi, lafa guddo ballo naa kenni, waan hamtu na gaargalcha ch'ufa naraa d'owi. Waaqileeni akasuma waan inni kad'ate suni ch'ufa guutefi.


Hayyu Hezekiafi jaaroleeni waan baasani kana ch'ufa agarte jennaani AABBO Waaqa faarsite gumi isaa ta Israeli eebifte.


Jari Lawi kunini Yeshua, Kadmieli, Bani, Hashabneya, Sherebia, Hodia, Shebaniafi Pethahiyaleeni waan biyyaani jed'ani: Olkakaa, AABBO Waaqa keesani haga jiru jireenna faarsa! Nami ch'ufti ha maqa isa gudda faarsu, ato faaruni isa geetu jiraachu baatele.


AABBO Waaqi, ka lafafi gubba uume Sioni keesaa isani eebisinna.


Maqaani hayyu haga jiru imbadiini; guuri isaa haga aduuni jirtu ha jiraatuuti. Gochiti ch'ufti ha isa faarsite, Waaqa kad'ate, Nu eebisi jettuti, worri hayyule ha eebisuti.


Maqa isaa dansa haga jiru jireenna ha faarsani! Guddinni isaa ha lafa ch'ufa guututi. Amini! Amini!


D'alooti worraa gosa ch'ufa keesa gurra baafate, nami worra argu ch'ufti, aka worri gumi anini eebise, beekha.


Ganni torbaani kaani hobaanaani, anini, hayyu Nebukadrezani waaqa ollale, jennaani qalbini nati deebite. Jennaani anini Waaqa gudda faarse, isa ka haga jiru jireenna jiru guddise. Inni haga jiru jireenna mohata, finni isaleeni bara ch'ufa jira.


Simeoni gurba olhampaare, Waaqa faarse, waan jed'e:


Guyya suni aka anini Abba keesa jiru, ka akuma anini isani keesa jiru ka isanileeni na keesa jirtani beetani.


Wonti ani kad'ad'u, aka worri ch'ufti takaa tahu, akuma Aabbo, atini na keesa jirtu, anileeni si keesa jiru, aka akasuma worrileeni nu keesa jiraatu. Ammalle aka nami lafa, aka atini na ergite d'ugefatu.


Yesoni waan isiini jed'e, Naa inqabatini, anini qara gara Aabbo olindeemne. Ammo gara oboleyaani tiyya d'aqi waan jettuuni, Anini gara Abba kiyyatiifi Abba keesani, gara Waaqa kiyyatiifi gara Waaqa keesani oldeema, jed'i iti himi jed'e.


Akasuma ato nu nama heddule taane, Kristo keesa nuuni ch'ufti nama toko, ammalle akuma mitaani nafa ch'ufti wolti ejitu, nuleeni wolti ejina.


aka isaniini ch'ufti qonqo tokooni Waaqafi Abba Aabbo keenna Yeso Kristo faarsitani.


Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.


Wonti akanatiifi Kristoni aka nafa toko jira, ka mita heddu qabu; inni nafa toko ch'alla, ato mita heddu qabaatele.


Waaqa Abba Aabbo keenna Yeso Kristoti galata deebimna, inni Abba naasu, Waaqa qarqaarsa aka ch'ufa namaa kennu!


Maqaani Waaqa Abbaani Aabo keenna Yeso Kristo ha eebifamuuti, aka anini inkiyyimne inni imbeekha.


Yo nami Kristoni taka tahe inni uumama haraa: wonti dullatiini ya dabarte, hareetiini ya d'ufte.


Kristoni daba inqabu, ammo Waaqi maro teennaafi isaa daba tolche aka nu maro Kristotiifi d'uga Waaqa argannu.


Abrahamuni d'ugefateti eeba argate; tanaafi nama d'ugefatu ch'ufa akuma isaa eebisani.


Wonti Waaqi tolchu fed'u, aka yo hojjaani geete, uumama lafa ch'ufa ka lafafi gubba jiru woltiini d'ufe Kristo mataa tolchu.


ammalle Waaqa, Abba guddinna, ka Aabbo keenna Yeso Kristo, kad'ad'a, aka inni lubbu isani qaroomsite Waaqa isaniti mulliftu isanii kennu, aka isani baratani.


kauma inni Kristo duisa keesa kaaseeni, harka ufi ka mirga gubba fulla ufi teesiseeni.


Inni Kristo woliini duisa keesaa nu kaase, aka isa woliini gubba nu teesisu.


aka hojja tana, gumi Waaqaatiini, hayyoota malaika fakaattufi jabeenni gubba jiru ch'ufti qalbi Waaqa ta aka aka jirtu baratu.


Wonti akanatiifi nu namaani woli had'uuti injirru, ammo qilleensa hama lafafi gubbatiini wolhad'u jirra, jabeennaafi irre gubba ta bara dukana kanale.


nami ch'ufti diideese, Yeso Kristoni Aabbo jed'u, aka maqa Waaqa Abba guddisani.


Hujiini worri aka qaalole hojattu gaandidufi fakeennuma waan gubba jiraati. Musaleeni akuma kana. Gaafa inni diquma waaro ind'aabiini, Waaqi waan jed'eeni, Waan ch'ufa akuma gaara gubbati argite gula tolchi.


Tanaafi fakeenna waan gubba jirani sorio tanaani qulqulleesu malani. Ammo wonti gubba jirani sorio hagasi iraa feeti.


Waaqafi Abba Aabbo keenna Yeso Kristoti galata deebimna! Maro naasu isatiifi inni Yeso Kristo duisa keesaa kaase, jireenna haraa nuu kenne. Wonti kunini abdi jirtu nuu kenniti,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ