18 Wonti anini kad'ad'u, aka qalbiini teesani banamte ifsa isaa argitani, aka isani abdi inni iti isani yaameefi eeba durooma ta inni gumi isaati kakhate hubattani,
Gaafasi, anini gurruma ch'allaani si d'agaye, ammo amma ya iluma tiyyaani si arge.
Ila na bani aka anini waan mama ka Seera kanke keesa jira argu.
Lubbuuni AABBO Waaqa isa gubba teete, qaroomafi beekhaafi qalbi namaani fidani isaa kenniti. Inni fed'i AABBO Waaqa beekhe isa guddise, isa sodaate,
AABBO Waaqi yayu mugaati isaaniti buuse hiribi isani qabate. Raagooti sila ila namaa tahu malte, ammo Waaqi yayu ila ch'ufe.
Gaafasi duudaleeni dubbi kitaaba ta soomani d'agaye, ballaleeni ka duri lafti iti dukanooftu amma ila banate wo arga.
Ilaafi gurri worraleeni baname waan nami fed'u arge ch'aqasa.
Atini balla ila bante, nama hid'aansa dukanaa keesa tau keesaa baafta.
Jennaani inni waan nani jed'e, Qalbi biyya tana duuchi, gurra worraa ch'ufi, ila worra bassi, aka worri woma arge yokhaani d'agaye yokhaani inhubanne. Yo sila worri akasi tahe, hegeri worri garagaleti fayya.
Garaani gumi tana ya daallae. Gurri worra yayu duude, ilaale ya dunuunfatani, aka woma ingarre, aka gurraleeni woma ind'ageenne aka garaani woma inhubanne, aka nati deebiani, anini imfayimne.
Ato Yesoni kara gula deemu, namichi toko isati utaala d'ufe, jilbifate isa gaafate waan jed'eeni, Aabbo dansa, anini maani tolcha aka jireenna hegeri argad'u?
Jennaani inni qalbi worraa bane, aka waan t'aafani hubatani,
Niitiini toko, ta Lidia jed'ani, ta woya didiimtu gurgurtu, ta dira Thiatira, ta Waaqa guddiftu, nu ch'aqafte. Aabbooni garaa isi bane, isiini waan Pauloni jed'e d'ageete.
Atini ila worraa bante, dukana ira gara ifsa worra deebifta, ammalle jabeenna Sheet'ana iraa Waaqati worra deebifta; aka d'ugefacha worri na d'ugefateeni daba worraa araaramaniifi, gumi Waaqi fohate keesati fulla argatani.
Waaqi qalbi ufi worra fohate eebise iraa garaingalfatu.
Hegeri arjoomafi naasufi obsa isaa tuffatta. D'uguma arjooma Waaqa, aka inni daba ira si deebisu fed'u, inagarta.
Wonti worri ind'ugefanneefi waan hamaani lafa tana keesa jiru qalbi worra dukaneeseefi. Inni ifsa worrati ifsu argu worra d'owa, ifsa Odu Dansa ta guddinna Kristo keesa d'ufu, inileeni akuma Waaqa jira.
Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.
Nu inhereganna aka Waaqi d'uga nuu heregu; nu waan kana eeganna, jabeenna Lubbu Waaqa ta d'ugefacha teenna keesa hojattu suniini.
Waan ch'ufa fed'i herega Waaqa gula tolchani ammalle Waaqi fed'i ufitiini Kristo keesa nu fohate nama ufi nu tolfate, herega isaa ka qara kaani gula.
Inni d'iiga ufitiini nu bite nu baase, daba keenna nu araarame. Eebiti Waaqa,
Gaafasi isani Kristo iraa fago jirtani. Isani nyaapa, gumi Waaqa ta fohatani keesa injirtani. Wold'aqisa Waaqi gumi isati khakhate keesaa inqabdani. Lafa tana keesa abdifi Waaqa male teetani!
Anini Waaqa kad'ad'a, aka inni durooma guddinna ufitiini jabeenna Lubbu Qulqullo ta garaa keesani jabeesitu isanii kennu,
Anini gumi Waaqa ch'ufa maand'a qit'issu, ammo Waaqi huji gosa d'ibiti Odu Dansa odeesani nati kenne, aka durooma Kristo ka ind'umanne barsiisu,
Anini ka maro anini Aabbo hojad'uufi na hid'ani, isani kad'ad'a yaamicha Waaqi isani yaame gula yaa.
Nafa tokofi Lubbu toko ch'allati jira, akuma abdiini toko, ta Waaqi iti isani yaame.
Isanumanu duri dukana keesa jirtani, ammo haga gumi Aabbo taatani, ifsa ke jirtani. Tanaafi aka nama ifsa keesa jiru tahu maltani.
Tanaafi anini inutaala, aka nama ch'ufa qolche wo argad'u: wonti suni yaamicha Waaqa, Kristo Yeso keesa, gara jireenna gubba.
Ammalle aka Abbaa galata deebiftani qilit'amtani, ka isani qit'eese qooda waan inni gumi isati khakhate isani kennu, finna ifsa isaa keesati.
Tanaafi isanileeni d'ugefacha keesa jabaattani dura yau maltani, aka yayaba Oduuni Dansaani isanii kennite iraa inchochoone, ammalle aka abdi gaafa Odu Dansa d'ageetani argattani iraa ingorre. Oduuni Dansaani ta nama lafa ch'ufati odeesani tana; anini Pauloleeni ya hojattu isii tahe.
Heregi Waaqa kana: aka waan guddo mama ka duri d'ossani amma gumi ufiti mullisu. Wonti qara d'ossani suni tana: Kristoni isani keesa jira, wonti kunini aka isani guddinna Waaqa argattani agarsiifti.
Gaafa dubbini d'uga, Oduuni Dansaani, gara keesani qara d'ufte, abdi isiini qabdu ya d'ageetani. Tanaafi d'ugefachaafi jaalalti teesani waan isani abdattani keesa jirti, ta gubba isanii olkayani.
Wonti anini waan kana tolchuufi aka garaani worraa jabaate, worri ch'ufti jaalalaani wolti mataqe, dubbi d'uga ta hubachaani d'uga d'uftuuni argatu. Kara kanaani waan Waaqi duri d'osse argatani, wonti sunileeni Kristo.
Nagayi Kristoni namaa kennu ha garaa keesani qoruti; wonti akanatiifi Waaqi garaa tokooni nagaya kanati isani ch'ufa yaame. Ammalle galata isa deebisa.
Isani jabeesine, isani qarqaare, jireenna Waaqa isani yaame finnafi jabeenna isaa isanii qoodu gammachiisu, keesa taa jenne.
Ammo nu ka guyyaati, kurfo tau malle. D'ugefachaafi jaalala aka ubaara qomati keyachu malle, d'aabu teenna ta baafamale aka ruufa marachu malle.
Wonti nu hojja ch'ufa Waaqa isanii kad'annuufi tana. Nu Waaqa keenna isanii kad'anna, aka isani jireenna inni iti isani yaame argattani. Jabeenna isaatiini inni yaada dansa ka isani feetani isanii kenne huji teesani dansa ta d'ugefacha guutinna.
Aabbo Yeso Kristofi Waaqi Abba keenna, ka nu jaalate eeba ufitiifi jannooma hegerifi abdi dansa nuu kenne,
Utaalcha d'ugefacha keesati aka dansa utaali, jireenna hegeri argad'u; wonti akanatiifi maro jireenna kanatifi Waaqi sii yaame, gaafa atini d'ugefacha tante gumi durati himatte.
Ato Guyya eeba ka nu abdannu eegannu, guyya guddinni Waaqa Guddafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristoni mullatu.
aka maro eeba isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne jireenna hegeri ka nu abdannu argannu.
Aka isani duri jirtani qaabad'a. Gaafasi, eegi ifsaani Waaqa isaniti ifse, isani guddo gaargaltani, ammo gaargali suni isani indabsanne.
Nama qara d'ugefate eege lakise iraa bade dandaani daba iraa wo deebisani? Duri worri ifsa Waaqa keesa jira, galata gubba miefate qooda ufi ka Lubbu Qulqullo argate.
Waaqafi Abba Aabbo keenna Yeso Kristoti galata deebimna! Maro naasu isatiifi inni Yeso Kristo duisa keesaa kaase, jireenna haraa nuu kenne. Wonti kunini abdi jirtu nuu kenniti,
Nama waan hamtu isani tolche waan hamtu intolchiina; nama isani abaare inabaariina, ammo eebisaafi; wonti akanatiifi Waaqi, gaafa isani yaame, Eeba isanii kenna jed'e.
Ammo eegi isani bulti diqo toko gaargaltani, Waaqi eeba ch'ufa, ka aka guddinna Kristo woliini qoodattani isani yaame, isani qit'eese, jabeenna isanii kenne, yayaba jaba isanii mid'aasa.