Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Efessoon 1:13 - KITAABA WAAQA

13 Isanileeni akasuma: gaafa dubbi d'uga d'ageetani, Odu Dansa ta baafamaani isanii d'ufte, isani Kristo d'ugefattani, jennaani Waaqi beesisa ufi isani ira keyate Lubbu Qulqullo ta kakhate isani kenne.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Efessoon 1:13
38 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Hojja ch'ufa d'uga na dubbachiisi, waan anini hojja ch'ufa jecha kanke abdad'uufi.


Duuba eegee anini lubbu tiyya nama ch'ufa ira buusa: ilmaani teesani ta d'iiratiifi ta uwalealeeni wo fadde, jaaroleeni teesani oobju oobjatte, kaimi keesanileeni daayyani wo arga.


Yoosi, yo isani nami hamamaani, waan dansa ilmaani teesani kennu beetani, maro hagami hagasi ira Abbaani gubbaa Lubbu Qulqullo jara isa kad'atu kenna?


Ilaala, waan Abbaani kiyya isaniti kakhate anati isanii erga, ammo dira keesati eega, haga jabeenni gubba isanii gad'ufuti.


Waaqi Seera ufii Musani namaa kenne, ammo eebafi d'ugaani kara Yeso Kristotiini d'ufte.


Ammo nami isani jabeesu, ka Lubbu Qulqullo jed'ani, ka Abbaani maqa kiyyaani ergu, waan ch'ufa isani barsiise waan anini isaniini jed'e ch'ufa isani qaabsiisa.


Ammo yo Qarqaarsi d'ufu, ka anini gara Abba kiyyati ergu, Lubbu d'uga, ta gara Abbati baatuuti na d'ugeesa.


Nami dubbi isaa d'ugefatu, aka Waaqi d'uga dubbatu tanaani beesisa.


Sagale d'umattu inhojatiina, ammo sagale haga jireenna hegeri teetu ta Ilmi Nama isanii kennu hojad'a, wonti akanatiifi Waaqi Abbaani yayu beesisa ufi isa ira keyate.


Worri woli woldeennaani, inni seera ufi worrati kenne waan jed'eeni, Yerusalemu keesaa imbahiina, ammo qarqaarsa Aabbooni isanii kennu, ka anini qara isaniti hime eegad'a.


Oboleyaani, ilmaani d'aloota Abrahamufi isani ch'ufa ka Waaqa sodaattani, dubbi baafama tana gara keenna ergani.


Ya harka mirgicha Waaqati olfuud'ani, inni Lubbu Qulqullo isa ira argate, akuma Abbaani kakhate; wonti isani amma argitani d'ageettani kunini qarqaarsa inni nuu kenne.


Wonti akanatiifi anini Odu Dansa iraa inch'eeru: isiini jabeenna Waaqa ka worra d'ugefate ch'ufaani baasani, qaraa fiit'e Yahudi eegi suni gosa d'ibi.


Inni eegi suni qabanqaba qabate, qabanqabaani tunini beesisa Waaqi isaa kenne, ka maro d'ugefacha isaatiifi d'uga isaa heregani agarsiifti, ato inni qabanqaba inqabatini. Tanaafi Abrahamuuni Abba worra Waaqa d'ugefate ka Waaqi d'ugaa heregeefi ch'ufa, ato qabanqaba qabachu d'ibaatele.


Ammo galati Waaqa imbadiini! Duri isani tissele dabaati, ammo amma garaa keesani ch'ufaani barsiisa argattani ch'ufa guutani.


beesisa ufi nura kaye, ammalle Lubbu Qulqullo ufi nuu kenne, aka qabdo nuu taatu.


d'aamsa keenna ka d'ugatiifi jabeenna Waaqaatiini. D'ugaani woraana wonte teenna, ta haanunifi ta ufira d'owarrunile.


Wonti Kristoni waan kana tolcheefi aka eeba Waaqi Abrahamu kakhate, maro Yeso Kristotiifi gosa d'ibilee kennani, ammalle aka nuleeni maro d'ugefachatiifi Lubbu Waaqi kakhate arganu.


Isani ya waan isaa d'ageetani, ammalle aka nama isa gula yau ya d'uga Yeso keesa jirtu barattani.


Lubbu Qulqullo Waaqa ilaalefachiisiina; Lubbuuni tunini beesisa Waaqa ka isani gubba jiru, ka aka guyyaani isani balchoomsani d'ufu agarsiisu.


Ammalle maro waan kanatifi nu hojja ch'ufa galata Waaqa deebimna. Gaafa nu dubbi Waaqa isanii d'umneeni, isani aka dubbini suni ta namatiini, ammo d'uguma dubbi Waaqaa ch'aqaftani d'ugefattani. Waaqi jiddu isani worra d'ugefate hojachu jira.


Ufi qorqorad'u, aka Waaqi huji tante quufu, aka hojattu huji ufiiti inch'eere, ammo ka d'aamsa Waaqa qajeelche himu.


Ammo yayabi Waaqi keyate dandae inchochou; ammalle dubbi tana irati t'aafani: Aabbooni worra isaa ch'ufa fuula beekha; ammalle, Nami nama Waaqa ufiini jed'u hameenna lakisu male jed'ani.


ammalle haga ijoolluma teetiti ya T'aafi Qulqullo, ta dandeete hubacha baafama, maro d'ugefacha Kristo Yesotiifi sii kennitu baratte.


Wonti akanatiifi Waaqi ya eeba ufi, maro baafama nama ch'ufatiifi, mullise.


akamiini dandeenne baana, yo nu baafama akana kana injabeesine? Aabbooni baafama kana qara yayu hime, worri isa d'agaye, aka isiini d'uga aka dansa nu beesise.


Fed'i isatiini inni dubbi d'ugatiini nu uume, aka nu uumama isa ch'ufa keesa angafa taanu.


Adaba t'uritiifi huji hamtu ch'ufa lagad'a. Dubbi garaa keesani keesati fach'aasani, ta dandeete lubbu teesani baaftu, kara laanatiini fud'ad'a.


Duri isani gumi Waaqatiiniti, ammo amma gumi isaati; duri naasu Waaqa imbeetani, ammo amma ya naasu isaa argattani.


Anini malaika d'ibi ta gara ilaboruti d'uftu, ta beesisa Waaqa jiru harkaa qabdu arge. Isiini qonqo guddooni malaika afraani ta Waaqi jabeenna lafafi galaana balleesitu kenneefi taani yaamte.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ