AABBO Waaqi waan worra Ashuru akana jed'e: Worri deebie ilmaani ind'alu, tanaafi maqaani worraa imbada. Anini waan worri harkaani boch'e mid'aasu, ka mana waaqoota worraa keesa jiru, ka worri kad'atu, imballeesa. Anini worra Ashuruti awaala qotuu jira — worri jiraachu himmalle!