Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Danieli 5:23 - KITAABA WAAQA

23 Atini Waaqa gubbati wollaalte, muduunufi qori mana isaa guurte d'ufteeni, duuba siifi jara kanke gugurdafi nad'eeni teetifi gaarayooti tanteleni daad'iini d'uddani, waaqa worqifi qarsifi sibiila diimafi sibiila guraachafi mukhaafi d'akhaani mid'aasani faarsitani — waaqa woma ingarre, ka woma ind'ageenne, yokhaani ka woma imbeenne. Ammo atini Waaqa duafi jireenna kanketifi ammalle waan atini tolchitu ch'ufa harkaa qabu guddisu didde.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Danieli 5:23
47 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

eebiseefi waan jed'e, Waaqi Guddaani, ka lafafi gubba uume, Abramu eeba kenninna!


Jennaani AABBO Waaqi biyye lafa iraa fuud'e nama tolche, hafuura jireennaa funaaniti afuufe, nami suni sunumaani jiraate lubbu argate.


Amma tana Amazia, atini waan worra Edomu dabsateefi akana kiyyibda. Gurri sunini ya sii gahe, ufiraa tai; atini maanifi gaargala barbaadda, ka sifi worra kanke balleesu?


Jireenni waan lubbu qabati ch'ufti harka isaa keesa jira, hafuuri namaaleeni isa iraa baha.


Inni kara kiyya arge ejata kiyya ch'ufa haga imbeekhu?


Atini dudda iti gaargalaani worri sodaate; atini hafuura keesa funnaani worri due biyye keesaa baheeti deebia.


Gubbaani ta AABBO Waaqa ch'alla, ammo inni lafa yayu namaa kenne.


Yo anini woi hojad'ufi yo anini ufumaa taule ch'ufa atini inuma agarta; waan anini tahu ch'ufa atini imbeeta.


Nami, yo lubbuuni keesaa baatu, biyyeeti deebia; guyyuma suni mali isaa ch'ufti hobaa.


AABBO Waaqati ejjata nama qajeelcha, nami akami dandae kara ufi beekha re?


AABBO Waaqi waan jed'u, Anini baddi lafatini d'ufe, nama ch'ubbu qabu ch'ufa maro ch'ubbu isaanitifi gaargalcha. Anini kiyyiba ch'ufa d'owe, nama hamama ufi olifuud'ule gaargalcha.


Atini garaa kanketi, Anini gubbati olgale, barch'uma kiyya, ka hayyuma, urji gubba ira taa jetta. Ammalle anini gaara mirga fulla iti wolwoldaani taa jetta.


Guyya suni AABBO Waaqi guddaani nama irre qabu ch'ufa diqeese, nama kiyyibe ufi saadule ch'ufa akasuma tolcha.


AABBO Waaqi waan gosa ch'ufaani jed'u, Anini amma kae wo hojad'e irre tiyya garsiisa.


Waaqa worrale ch'ufa gubde waaqa woma keesa injirre, ka nami mukhaafi d'akha boch'e harkaani mid'aafatu.


Nama atini arabsite goyeesite kana eenu seeta? Nami atini tufate sunini anuma, Waaqa Israeli qulqullo.


Waaqi gubba uume ballise, lafafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, hafuura jireenna nama keesa tau ch'ufaa kenne, Duuba ammatana AABBO Waaqi waan hojatu isaatini jed'u,


Ee AABBO Waaqa, aka nami tokoleeni lubbu ufi harka inqamne, yokhaani dandae karati ufi inqajeelchine, anini imbeekha.


AABBO Waaqi waan jed'e, Worra Moabu farso iti guura, macheesa, wonti akanatiifi worri yayu na dide. Worri Moabu diddiga ufi keesati gangalate, nami d'ibileeni worra kobla.


(Nami Babiloni keesaa baqate Yerusalemu d'ufe waan jed'u, AABBO Waaqi keenna ya worra Babiloni haalo baafate, waan worri nama Waaqa qulqullo balleesefi.)


T'iyoleeni, Babiloni had'a jed'a. Nama t'iyaafi guubeeni woi had'u beekhu ch'ufa yaama. Dira marsa, nama baqachu fed'u, d'owa. Waan isiini tolchite isumati deebisa, woma isiini nama tolchite isiile tolcha; wonti akanatiifi isiini ana, qulqullo Israeliti kiyyibde.


Atini mid'aguma tanteetiini ufi koorsite, guddinni kanke mata si d'owe si daallese. Maro waan kanatifi anini darbaad'e lafa si buuse, aka hayyooti d'ibiini yo waan si tolchani kana gartu sodaatu.


Namicha, waan atini hayyu Tirotini jettu, Atini ufi guddifte, kiyyibde keesa dabarte, waaqa ufiini jette. Ammalle atini, Anini waaqa ka barch'uma guddinna ira jiddu baariini tau jetta. Ato waaqa ufi tolchitele atini waaqaniti, namuma.


Atini daldala keesa jabaatte, akasiini guddo woi horatte, duuba hori sunini kiyyibde!


Duuba amma tana anini, AABBO Waaqi guddaani, waan mukhi d'eerate duumansa gahu sunini tahu siti hima. Inni akuma bahe old'eeratuni ufi saada;


Inni waan duula suni dabsate nama heddu fit'eefi koora, ammo eegi suni deebie woma indabsatu.


Amma anini, Nebukadrezani, hayyu gubbaa faarse ulfeese guddisa, hujiifi karaani isaleeni ch'ufti ka d'ugaati. Inni nama ufi guddisu ch'ufa dandae kiyyiba iraa kuta.


Ammalle inni gudda urji sunitini morke, sorio guyya ch'ufa gubani isaa baasani d'owe, Mana Waaqale t'ureese balleese.


Duuba dubbini tana: Ch'ubbichi inhafu, ammo nami d'uga maro d'ugefacha isaatiifi injiraata.


Yokhaani harki nama isa inyaachisu, aka waan inni wo fed'u. Wonti akanatiifi inni jireennafi hafuura nama ch'ufaa kenna.


Tanaafi amma waan sagale waan harkaani boch'ani baasani: nu imbeenna aka wonti harkaani boch'ani suni fakeenna waan injirre; ammalle nu imbeenna aka Waaqi toko ch'allaani jiru.


Inni nama d'io d'ugefate intahiini; hegeri ufi guddise, aka Sheet'ani duri tahe wollaala iti murani taha.


Waan tokole dandaani Waaqa ind'ossani. Wonti lafa keesa jira ch'ufti ila isaa dura jirti; isa durati waan keenna ch'ufa himachu malle.


Nami lafati hafe kaani, ka gaargali kunini inijeesiini, waan harka ufitiini mid'aafatani kaani iraa indeebine, jinniifi waan harkaani boch'ani ka worqifi qarsifi saldaqafi d'akhafi mukhaani mid'aasani, ka dandae lafa ingarre, ka woma indandeenne, ka dandae indeemne, kad'achu illakimne.


Hayyooti Filisti taani wolti baate jila tolfate, sorio waaqa worra ka Dagoni jed'ani qalte, sirbite waan jette, Waaqi keenna yayu nyaapa keenna Samsoni harka keennati kenne.


Daudini waan nama isa bira ejaanjuni jed'e, Nama namicha Filisti kana ijeese ch'eera hama kana gosa Israeli dura baase maani kennanifi? Qarale namichi Filisti kunini ka qabanqaba inqabatini hojja tae askarti Waaqa jiru ch'ompifatu eenu ufi seha?


Anini nyeench'afi gorjamale ya ijeese, namicha aada inqamne, ka Filisti kana, ka askarti Waaqa jiru tae ch'ompifatu kanale inuma ijeesa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ