Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Danieli 4:34 - KITAABA WAAQA

34 Ganni torbaani kaani hobaanaani, anini, hayyu Nebukadrezani waaqa ollale, jennaani qalbini nati deebite. Jennaani anini Waaqa gudda faarse, isa ka haga jiru jireenna jiru guddise. Inni haga jiru jireenna mohata, finni isaleeni bara ch'ufa jira.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Danieli 4:34
57 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Waaqa kana karaani isaa akami qajeela, dubbi isaa akami d'ugefachu malani, inni nama isati d'iaatu wonte tahafi!


Jennaani hayyu Daudini gumi suni ch'ufa durati AABBO Waaqa akana jed'e faarse: Ee AABBO, Waaqa ababo keenna Yakobo, haga jiru jireenna ha si faarsani!


Amma, Waaqa keenna, nu galata si deebifne maqa kanke gudda faarsina.


Anini qulluma d'alad'e gaafa duulle qulluma dua. Waan kanale Abbuma Waaqati naa kenne, ammalle isumati fud'ate, maqa isaa ha faarsani!


AABBO Waaqi hayyu haga jiru jireennati. Nami waaqa d'ibi kad'atu lafa isaa keesaa bada.


Ee Waaqa, ka haga jiru jireenna teetu, haga anini jaare hobauti na inijeesiini.


Worri AABBO Waaqa maro jaalala isaa ta ind'umanneetiifi waan mama ka inni worraa tolchele galata deebisuu male.


Worri sorio baase galata isaa deebise, gammade, sirba keesa waan inni tolche ch'ufa himuu male.


Worri AABBO Waaqa maro jaalala isaa ta ind'umanneetiifi waan mama ka inni worraa tolchele galata deebisuu male.


Worri AABBO Waaqa maro jaalala isaa ta ind'umanneetiifi waan mama ka inni worra tolchele galata deebisuu male.


Wonti inni tolche ch'ufti waan d'uga ka d'ugeefatani; gorsi isaa ch'ufti waan nami d'ugeefate fud'achuu male.


Anini hojja ch'ufa tae gaareeni ilaala. Qarqaarsi kiyya eesa gad'ufa?


Ee AABBO Waaqa, anini gara kanke millad'e, gubba garaa atini teete nama fiddu ilaala.


Finni kanke ka haga hegeriti, hayyumti tante haga jiru jireenna teeti. AABBO Waaqi kakhu ufi inguuta, wonti inni tolchu ch'ufti dansa.


AABBO Waaqi haga jiru jireenna lafa fida. Ee Sioni Waaqi kanke d'aloota ch'ufaa hayyu taha. AABBO Waaqa faarsa.


Sorioni isani Waaqaa baaftani ha galata isani isaa deebiftani ch'alla taatuti; waan imbaamnaafi jettani ch'ufa Waaqa gudda baasa.


Inni irre ufiitini haga jiru jireenna lafa fide, gosa ch'ufa ila ufiitini qorqorata. Nami tokoleeni isaani morku himmalle.


Anini AABBO Waaqa, maro inni d'uga tolchufi galata deebise, AABBO Waaqa ka waan ch'ufa ira jiru, faarsa!


Anini maro teetifi gammade qilit'ame si faarsa, Ee AABBO Waaqa gudda.


Ee AABBO Waaqa, aki galata si deebisani akami dansa! Ee Waaqa gudda, aki maqa kanke faarsanileeni waan akami dansaa.


AABBO Waaqi waan jed'u, Anini baddi lafatini d'ufe, nama ch'ubbu qabu ch'ufa maro ch'ubbu isaanitifi gaargalcha. Anini kiyyiba ch'ufa d'owe, nama hamama ufi olifuud'ule gaargalcha.


Guyyaani ind'ufa, ka nama kiyyibu hobaasani nama ufi saadule balleesani. Gaafasi AABBO Waaqa ch'alla guddisani.


Worri ilaboruleeni isa faarsa. Ammalle nami d'aatu baariini tau AABBO Waaqa Israeli faarsa.


Ammo AABBO Waaqa, atini Waaqa d'ugaa, atini Waaqa jirufi hayyu haga jiru jireenna jiru. Hojja atini dallantu, lafti inchochooti, gochitileeni dallansu tante dandeete inoobsitu,


Wonti dansaafi hamtuleeni jechuma isaa gula taati.


Malaikaani taani harka lachu gara Waaqa olqabatte, maqa Waaqa haga jiru jireenna jirutini kakhate waan jette, wonti sunini eegi ganni sadiifi jii jaa dabre guutamti. Gaafa gumi Waaqa gaargalchani iraa deebiani wonti kunini gaafasu ya guutamte. Gaafa isiini dubbi suni jette anini artuma jira.


Bara hayyooti suni lafa fiddu Waaqi gubbaa finna haga jiru jireenna ind'umanneeni d'ufa. Finna suni dandaani indabsatani, ammo inni finna d'ibi ch'ufa balleese haga jiru jireenna mohata.


Akheekha jabaafi waan mama ka Waaqi guddaani na garsiise ka anini amma isaniti himu ch'aqasa.


Ammalle akuma malaikaani hundafi hidda lafa keesati hambifte, atinileeni deebite hayyu taata, yo atini aka Waaqi lafa ch'ufa fidu ee jette.


Akheekhi Waaqi na garsiise akami gudda! Wonti mama ka inni tolche akami guddo! Waaqi hayyu haga jiru jireenna ch'ufa jiru; ka ammalle hojja ch'ufa jiru ka ammalle hojja ch'ufa lafa fidu.


namaani gargari si baasani bineensani wolti si galchani, duuba ganna torba atini aka karaaba buuyo nyaatta. Duuba aka Waaqi guddaani lafafi namale ch'ufa fide finna isiile ch'ufa nama fed'u kennu hubata.


Qalbini nati deebinaani, ulfinnaafi jabeennafi guddinna kiyya ch'ufa naa deebisani, anini akuma kaani deebie hayyu tahe. Hojatufi jari gugurdaani kiyya aka jaba na fud'ate finna kiyya ka duri kaaniti na deebisani, haga qarale iraa na ulfeesani.


Waaqi guddaani abba kanke Nebukadreza hayyu gudda tolche guddinnaafi ulfinna kenneefi.


Naamafi isa gargari baasani, qalbini isaa gargalte ta bineensa taate. Inni harre diidatiini woliini alati gale, aka karaaba buuyo nyaate, alati gale, fiit'eesi guyya ch'ufa isa jiise. Duuba eege inni aka Waaqi guddaani nama fide nama fed'u ch'ufa hayyu tolchu ee jed'e.


Anini amma seera baasa, aka nami lafa anini fidu keesa jiru ch'ufti Waaqa Danieli sodaate saalfatufi. Inni Waaqa jiru, ka haga jiru jireenna tau. Finna isaa dandaani imballeesani jabeenni isaaleeni muumme inqabu.


Jennaani jabeennafi ulfinnaafi irre inni woini fiddu isaa kennani, aka nami gosafi d'alootafi afaani afaani dubbatu ch'ufti isa hojatu. Jabeenni isaa haga jiru jireenna taa, finna isaa muumme inqabu.


Jabeennafi guddinna lafa hayyuuni fidu ch'ufa gumi Waaqa guddati kennani. Finni worra ka jiru jireennati, nami lafa mohate ch'ufti worraa hojate saalfatafi.


Ee AABBO Waaqa keenna, atini badi isani balleesa jette illakimne, wonti akanatiifi waan d'uga tolchita, nuleeni si inch'aqamne.


Tanaafi worri AABBO Waaqati bohe waan jed'eeni, Ee AABBO Waaqa, nu si kad'anna, nama kanaa jette nu imballeesini; d'iiga nama woma iyyakiini kana nura inkayini. Ee AABBO Waaqa, nami waan kana ch'ufa tolchu siuma; wonti kunini ch'ufti woma atini tolchite.


Worri naafa, ammalle worra isaani ira fago jira, ammo anini worra hafe suni qarqaare gosa guddo tolche horsiisa. AABBO Waaqi armaa achi haga jiru jireenna gaara Sioni irati worra fida.


Inni hayyu worra Yakobo haga hegerile taha; hayyumti isaa muumme inqabdu.


Ammo namichi damoosa guuru kaani fago ejate, ila lafa buuse lape qabate waan jed'e, Waaqa naa nahi, anini dabdicha.


Akuma Abbaani jireenna ufi keesaa qabu, akasuma inni Ilmale tolche aka jireenna ufi keesaa qabaatu.


AABBO Waaqi jaba aka d'akha, ka wonti inni tolchu ch'ufti d'uga. Inni Waaqa d'uga, ka d'ugeefatani, ka qajeelafi d'ugaa tolchu.


Gara Hayyu haga hegeri tau, ka indoonefi ka imullanne, Waaqa tokocha, guddinnaafi ulfinni ha isaa tahu, ammafi hegerile! Amini.


Nami indoone isa ch'alla; inni ifsa nami iti d'ufu indandeenne keesa taa. Nami tokoleeni taka isa ingarre, tokoleeni dandae isa inargu. Ulfinnafi jabeenni ka isaa tahinna, haga hegeri! Amini.


maqa Waaqa ka haga hegeri jiruufi ka gubbafi waan keesa jira ch'ufa uume, lafafi waan keesa jira ch'ufaafi galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumeeni kakhate. Malaikaani waan jette, ammaa achi wonti kunini iti deebite inturtu.


Jennaani malaikaani torbeeso magalata ufi d'oofte, qonqooni guddooni gubbaa baate waan jette, Jabeenni lafaani fidani amma ka Aabbo keennatiifi ka Kristo isaati, inni haga hegeri fida.


jaaroleeni diddami afuri taani nama barch'uma guddinna gubba tau kaani durati jidde isa guddifti. Sure hayyuma taani isa durati jissani waan jed'ani:


Yo wonti Lubbu qaba afraani sirba guddinnatiifi ka ulfinnatiifi ka galata nama barch'uma guddinna gubba tau, ka haga hegeri tau sirbitu,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ