20 Mukhi atini garte, ka d'eerinni isaa Waaqati eju, ka nami lafa keesa jiru ch'ufti argu;
Hojja anini mukha suni boola ekhera keesa buusu, dibbeesi lafa d'aicha isaa gosa ch'ufa chochoosa. Qaariitini isaa suni mukha Edeni ch'ufafi mukeeni Lebanoni ta bisaani burqa gubba ejaanjitu ch'ufa ta boola ekhera d'at'e, guddo gammachiifti.
Atini hind'eesa Lebanoni fakaata, ka dameeni isaa galmoofte mid'aade baate, fiit'eeni isaa d'eerate dumansati ejitu.
ka obeensi mid'aaga, ka mid'aani heddu, nama lafa keesa jiru ch'ufa gaha qabu; ka bineensi ala jala boqote, simpirreeni dameele isaa irati mana jaaratu.