Danieli 2:45 - KITAABA WAAQA45 Atini d'akha nami indarbini, ka fiit'e d'akha d'ibi iraa ch'ee, akheekha sibiila guraachafi sibiila diimafi faarafi qarsifi worqiini mid'aasani d'ae agarte. Ee hayyicha, Waaqi guddaani waan taka tana taha si garsiisuu jira. Anini waan atini oobjateefi waan isiini d'ooftule ch'ufa, ka diqole iraa ingorini, ya siti hime. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Ee Waaqa, Waaqa keenna, guddinni kanke waan akami! Jabeenni kanke akami nama naasise nama mudamsiisa! Atini kara d'ugaatini kakhu duri nu kakhate ch'ufa guuta. Haguma duri bara hayyooti Ashuru nu dabsite haga arrale, nu akasuma gaargala qamna! Hayyootafi jaaroleefi qaaloleefi raagootafi ababootafi gumiini teennaleeni ch'ufti la guddo gaargalte; gaargala keenna gudda suni qaabad'i!