Aabbo Waaqi Yehoiakimu, hayyu Yuda, harka isaati kenne, ammalle inni miha Mana Waaqa haga toko boojie. Inni nama gari boojie, mana waaqoota isaa ka Babiloni jiruti geese, miha boojie kaanile mana waaqoota isaa keesati olkaye.
Bara hayyooti suni lafa fiddu Waaqi gubbaa finna haga jiru jireenna ind'umanneeni d'ufa. Finna suni dandaani indabsatani, ammo inni finna d'ibi ch'ufa balleese haga jiru jireenna mohata.
Yeso Kristoni, d'ugaani d'ugefatani, Ilmi angafa ka duisa keesaa kaasani, ka hayyu hayyoota lafa tana, eebafi nagaya isani kenninna. Inni nu jaalata, ammalle d'iiga ufitiini daba keesaa nu baase,