3 Jennaani hayyichi namicha Ashpenazi jed'ani, ka hojatu isaa ch'ufati mataa, yaame waan jed'eeni, Worra Israeli ka boojiani kana keesa, kaima d'aloota hayyutifi ka worri isaani worra gurra qabu fohad'u.
Nebukadrezani Yekoniafi haad'a isaatiifi nad'eeni isaatiifi jaallaboota isaatiifi ammalle jaarole lafa Yuda ch'ufa qaqabe boojie lafa Babiloni geese.
Guyyaani ind'ufa, ka waan mana kanke keesa jira ch'ufafi waan ababooti tante olkeetele ch'ufa fuud'ani, lafa Babiloni geesani, wonti tokoleeni inhaftu.
Ilmaani atini d'altele haga toko boojiani, sasangisiisani, mana hayyu Babiloni keesa hojachiisani.
Jia torbeeso ka ganna suni, Ishmaelini ka ilmi Elishama, ka worra hayyu keesaa d'alate, ka innileeni askarti hayyu keesa guddinna qabu, nama kud'ani woliini Gedalia, ka Mispa jiru, argu d'aqe. Ato worri ch'ufti tae sagale woliini sooratu,
Isani ilmaani dubrafi d'iira d'altani, ammo teesani intaatu, wonti akanatiifi imboojiani.