Jennaani anini waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, atini waan ch'ufa imbeeta, na qaabad'i, na qarqaari, nama na gaargalchu haalo na baafachisi worra obsite nati illakisini. Qaabad'i, maro tanteetifi na arabsani.
Isani waan jettani, yayu nu arabsani, nu ch'eersani lafaa nu balleesani waan nyaapi fulla qulqullo mana Waaqa keesaa jirtu ch'ufa fud'ateefi nu qarqaarsa d'amne.
Nami si d'aatu bahu ch'uftinu si goyeese, si tufate mata gingilfate badi tante koble waan jed'u, Tunini d'uguma dira mid'aaga Yerusalemu kaani? Diri dira ch'ufa mohu ka baanani kana?
Ee AABBO Waaqa, worra atini gaargalchite kana laali! Nad'eeni ilmaani ufi ta d'alte fooni nyaachu ya malte? Qaaloleefi raagootale Mana Waaqa keesati ya fit'u malani?