47 Gaargala hamafi badileeni nu qabate. Arrale soda lubbuti imbulu.
Gaargali hamani yayu aka lama siti d'ufe: lafa tante yayu woraani qabate beelti balleesite. Nami sii nahu tokoleeni injiru.
Inni ibida na gubu gubbaa nati gabuse. T'urura naa hid'e lafaani na d'ae, jennaani d'ukubsacha taani nara infuune keesati na lakise na bira deeme.
Amma nami tokoleeni ka guyya jila d'ufe Mana Waaqati kad'atu injiru. Dubriti ta duri achiti sirbitu gaargalte, qaaloleni ufumaa waati. Fullooni dira ch'ufti duwa teteeti, Sionileni gaargala hama qabdi.
Wonti akanatiifi guyyaani suni nama ch'ufati d'ufa ka lafa ch'ufa keesa tau.