Ee AABBO Waaqa, yo anini si quufa d'abe si himad'ele, d'ugaani teetuma. Ammo taatule, aka d'ugaani jirtu si gaafachu fed'a. Ch'ubbichi maafi wo horata? Nami hamaani maafi wo argata?
Jennaani waan AABBO Waaqaani jed'e, Atini maanifi waan hamtu kana na tolchita? Atini maanifi na dabsite, ulfinna worra kana ch'ufa nara keete, akana na tolchita?
Jennaani Yoshuani waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, atini maafi Yordani nu taakisiifte armaani nu d'ufta? Atini harka gosa Amoriti nu kennu feeta? Atini nu balleesu feeta? Ato sila galaana Yordani gama suniti hamne ira nuu injirtu?