2 Alaafi garaa isaa keesale inni worqi qulqullitiini duuche, ammalle gubbaa isaale ch'ufa worqiini marse.
Gubbaa, moga isaa afraanifi gaafa isaa afraanu worqiini duuchi, qota isaale ch'ufa worqiini marsi.
Bezalelini Sanduqa Wold'aqisaa mukha d'adachatiini mid'aase, ka d'eerinni isaa d'und'uma lamafi taaku toko, ballinni isaa d'und'uma tokofi taaku toko, old'eerinnileeni d'und'uma tokofi taaku toko.
Qube worqi afuri ta baataniini mid'aase, miila isaa afraaniti gama lachu qube lama mat'anse.