Eenuti taka gara Waaqa d'aqe ga deebie? Eenuti taka bubbe harka ufitini qabe? Eenuti taka woya ufitini bisaani hid'e? Eenuti taka daari lafaa mid'aase? Nama suni maqa isaatiifi ka ilma isa beeta?
Daimi ya nuu d'alate! Ilma ya nuu kennani! Isati hayyu keenna taha. Maqaani isaani yaamani: Abba mala dansaa, Waaqa Guddaya, Abba jiru jireenna, Hayyu Nagaya.
Waaqa Abrahamutiifi ka Isaaqotiifi ka Yakobotiifi Waaqa aabbooti teennati jabeenna Hojattu isaa Yesoti kenne. Isani harka jara gugurdati isa kennitani Pilato durati isa mormattani, eegi Pilatoni isa lakisu fed'ele.