20 Inni waan dubra ufiitini jed'e, Me namichi? Maafi namicha lakiftani? Beena, yaama, ha nu woliini gololfatu.
Liqimsa diqo toko isanii kenna, ta woreega karaa isanii taatu. Waan guddo na tolchitani ka mana kiyya d'uftani, eega, isani gololcha. Worri waan jed'eeni, Hayye, ha taatu.
Labaniini, aka gurbaani oboleeti isaa d'ufe, d'agaye jennaani fuula keesa yoyo ch'ee iti mamarate d'ungate mana isaatini d'aqe. Yakobooni waan kana ch'ufa iti haasae jennaani
sorio gaara gubbaa qale, worra isaa ch'ufa gololaa wolti yaame. Sagale nyaannaani halkani suni achuma bulani.
Duuba worri waan Yusufu d'ufeeni kaani, aka saa jaa hojja inni d'ufu iti kennu, kurfeese. Wonti akanatiifi aka worri sagale isa woliini nyaatu ya iti himani.
Anini nama imaltu deemu taka ka mana kiyya imbulchini alaati illakimne.
Oboleyaani isaa ta d'iiratifi ta dubraatifi jaalani isaa taani, ch'ufti gara isa d'ufte, mana isaa keesati sagale woliini sooratani. Worri isaa nahe, garaa jabeese, maro gaargala gudda AABBO Waaqi itiini d'ufe kaanitifi. Worri ch'ufti beesefi qube worqi isaa kenne.
Isiini waan jetteeni, Namicha Misiri tokoti harka tissitu keesa nu baase bisaani nu woraabe ree nuu obaase.
Duuba Musani worra namicha suni gale jennaani jaarsi suni intala isaa ta Zipora jed'ani Musaa kenne, inni isi fuud'e.
ammalle duri huji dansa hojatte gurra dansa qabaachu malte: niiti ijoolle ufi aka dansa guddifatte, keessuma gololchite, miila gumi Waaqa d'it'e, nama gaargala qabu qarqaarte, ufi baafte, huji dansa ch'ufa hojatte ha taatu.
Keessuma bulcha. Nami gari akasi tolchinaani, ato imbeekhiini, malaika bulche.