Ammo worri waan jed'eeni, Nu duraa gori, ati qaraa eenu ka waan nu taanu nuti himtu? Ati qara keessuma. Nu duraa gori, atini ta worraati dubbatta, siiyu waan hagasi ira hamtu si tolchina. Lutu darbani kara keesaa gorsani, balbala ch'absaa iti kaani.
Yesoni Mana Waaqa olseene; ato nama barsiisu, qaalole gugurdofi jari gugurdaani Yahudi isati d'ufani waan jed'aniini, Atini jabeenna kamiini waan kana tolchita? Eentu jabeenna kana sii kenne?