10 Eegi suni daimi guddannaani isiini intala Faraotiini d'ufte, duuba isiini ilma tolfatte waan ufiini jette, Anini bisaani keesaa isa fuud'e, tanaafi maqa isaa Musa baasa jette.
Atini ilma d'alte maqa isaa Ishmaeli baafta, wonti akanatiifi AABBO Waaqi ya d'iba kanke arge boha tante d'agaye.
Adamufi niitiini isaa ilma d'ibi d'alani jennaani isiini waan jette, Waaqi ya ilma naa kenne fulla Habili, ka Kainiini ijeese; tanaafi isiini maqa isaa Sethi baafteefi.
Ilmaani tante lamaani, ta lafa Misiri keesati ato anini ind'ufini si d'alate, tiyyuma; Efraimufi Manaseeni akuma ilmaani tiyya Reubenifi Simeoni tiyya.
AABBO Waaqi gajed'e, harkaa na qabe, d'immu bisaani keesaa na fuud'e.
Intalti Farao waan isiini jette, Daima kana fuud'i, duuba anini waan si male sii kenna. Tanaafi niitiini taani daima fuute guddifte.
Isiini ilma deeti, duuba atini maqa isaa Yeso baasi, wonti akanatiifi inni gumi ufi ch'ufa daba keesa baasa.
aka worra Seera jala jiru balchoomsu, aka nu ilmaani Waaqaa taanu.
Musani d'ugefachaani, gaafa inni guddate, ilma intala Farao ufiini jechu dide.
Haga Abbaani nuu jaalate ilaala! Jaalati isaa waan guddo, tanaafi ijoolle isaa nuuni jed'ani, nuleeni akasuma. Wonti nami lafa nu imbeenneefi waan Waaqale imbeenne.
Akanaani isiini garaachoofte ilma d'alte maqa isaa Samueli baafteefi waan jette, Anini isaa jed'e AABBO Waaqa kad'ad'e.