3 ilmaani isii lamaani ta d'iirale itiini d'ufe. Maqaani ijoolle suni Gershomufi Eliezeri. (Musani qara waan jed'e, Anini keessuma lafa biyya ke teetu; tanaafi inni gurba toko maqa Gershomu baaseefi.
Musani ilmaani lama qaba, Gershomufi Eleazari.
Ee AABBO Waaqa, kad'acha tiyya na d'agayi, boha tiyyale ch'aqasi hojja anini bohule kooti na qarqaari. Anini ideemtu kara deemtu faakad'a.
Isiini ilma d'alteefi, inni anini qara lafa tanati keessuma jed'e maqa Gershomu baaseefi.
Jennaani Musani niitifi ilmaani isaa fuud'e harre yaabachiise, ka ule Waaqi kenneefi taani harkaa qabu lafa Misiriti deebie.
Dubbi tana d'ageennaani Musani baqate, lafa Midiani jed'ani keesa tae, achiti ilmaani lama d'ale.
Worri kunini ch'ufti d'ugefacha keesa due. Waan Waaqi lafa keesa worraa kakhate inarganne, ammo fagoti argani heregatani, ammalle, Nu keessuma baqa yaatu jed'ani diideesani himani.
Anini isani kad'ad'a, jaalaani tiyya, ta aka keessumatiifi aka nama baqaa yau lafa tana keesa jirtani! D'araa nafa gula imbadiina, ta hojja ch'ufa lubbuuni woli haatu.
Worri Dani akheekha boch'ani kaani old'aabe kad'ate, ammalle Yonathani, ilmi Gershomu, akhaakhuni Musa, gosa Daniti qaallu tahe, d'alooti isaaleeni qaallu tahe, haga worra Israeli qabani boojianiti.