Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Bahisa 17:6 - KITAABA WAAQA

6 Anini achiti d'akha gaara Sinai ira tau ira eje isani eega; duuba atini d'akha suni d'ai, bisaaniti keesa baha, bisaani suni ha biyyiti d'uduti. Duuba Musani ila jaarole Israeli durati waan suni tolche.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Bahisa 17:6
24 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Worri beelae jennaani qit'a gubbaa buufteefi, worri d'eebonnaani; bisaani d'akha keesaa baafteefi. Atini beena, lafa duri anini isanii kakhad'e fud'ad'a worraani jette.


Inni lafa gamooji keesa siida bane, bisaani aka galaana yaa keesaa baase.


Inni siida d'akhaa garagalche, haro bisaanii tolche, rabsu d'akhaa madda yaatuu tolcha.


Galaanati jira, ka dira Waaqaa gammadani iti d'ufu, Mana qulqullo Waaqaa guddati.


Atini lagaafi madda yaafte, gaalana guddale gossite.


Worri sagale guddo jaalatu d'arae, akasiini Waaqa ilaalate.


D'uguma inni siida d'akhaa d'ae, bisaani aka galaana keesaa yaase; ammo inni dandae qit'afi fooni gumi isaati inkenna?


Isani gaafa gaargala qabdani na yaamatani, jennaani anini d'ufe isani baase. Anini fulla mandisu, ta iti d'okhad'u keesa, isani jala owaad'e madda Meribati isani ilaalad'e.


Ule tante olfuud'i, harka d'eerefad'i, galaana ira qabi, aka inni gargari ch'ite, worri Israeli lafa goddu ira taaku argatu.


Akuma Harunini worra Israelitini dubbateeni, worri ch'ufti fuula gara lafa aloo deefate guddinna AABBO Waaqa dumansa keesati arge.


Gaafa inni gumi isaa lafa aloo ta gamooji keesani deeme worri ind'eebonne. Inni siida d'akha keesaa bisaani baase, d'akha falaansinaani bisaani gabaafatani.


Ule tana fuud'i, duuba siifi oboleesi kanke Harunini gumi wolti yaama. Worra durati rabsu d'akha suniti dubbad'i, duuba bisaaniti keesaa baha. Kara kanani atini bisaani d'akha keesaa biyya baafta, aka namafi saileeni d'eebu bahu.


Yesoni waan jed'eeni, Yo sila atini galata Waaqaa beete ammalle nama bisaani si kad'atu kana beete, bisaani jireenna isa kad'atta.


ammo nami bisaani anini kennu d'ugu haga jiru jireennale deebie ind'eebotu. Wonti akanatiifi bisaani anini kennu suni isa keesa maddani burqa tahani, haga jiru jireennale deebie ind'eebotu.


bisaani mama sunuma d'uge; wonti akanatiifi d'akha mama ka worra gula deeme keesaa bisaani d'ugani; d'akhaani suni Kristo.


Godaanti gaara Sinaitifi ta Kadesh-Barnea jiddu guyya kud'ani toko fud'atti, yo kara gaareeni ka lafa Edomutiini godaanani.


Inni lafa aloo ta gamooji ballo hamtu, fulla bofi had'aa qabuufi qaanjibbuni jirtu keesa isaniini deeme. Lafa goddu d'eebicha ta bisaani inqamne suni keesa inni ch'alalaqa d'akha keesaa bisaani isanii yaase.


Lubbufi intalti fuud'a, kooti jetti. Nami waan kana d'agaye ch'ufti ha kooti jed'uuti. Nami dubbi qabu ch'ufti ha d'ufuti nami fed'u bisaani jireenna ha gati male d'uguuti.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ