2 Jennaani worri Musati bohe waan jed'eeni, Bisaani d'ugani nuu kenni. Musani waan jed'eeni, Isani maafi gungumtani? Isani maafi Waaqa ilaalattani?
Ammo worri yoosu waan inni tolcheefi suni ded'e, ka mala womatu isa ingaafatini ch'ee, waan d'ibi tahe.
Worri ato lafa gamooji suni keesa jiru sagale d'arae, Waaqa ilaalate;
Worri sagale guddo jaalatu d'arae, akasiini Waaqa ilaalate.
Worri maro heddu Waaqa laallate, Waaqa qulqullo Israelii dallansiise.
Ammo worri Waaqa gudda ilaalate, isa dide seera isaale ch'abse,
Akuma ababooti teesani duri lafa gamooji ta Massa keesa Maribati taate taatani garaa injabatina.
Achiti worri nati game na ilaalate ato waan anini worraa tolchu qara argele.
Biyyiti Musati boote waan jetteeni, Maani d'unna?
Jennaani Musani waan jed'e, Nami fooni galgala isanii kenne qit'a diirama haguma isani feetani isanii kennu AABBO Waaqa. Wonti akanatiifi inni yayu haalano teesani d'agaye. Isani yo haalattani nu inhaalanne, Waaqa haalattani.
Fulla suni maqa Masafi Meriba baaseefi; wonti akanatiifi worri Israeli Musa d'ugefachu dide AABBO Waaqa ilaalate waan jed'e, Isii, AABBO Waaqi jiddu teenna jira mo injiru?
AABBO Waaqi ha waan isani taatani laale arguti, wonti akanatiifi Faraofi hojattu isaale nu jibisiiftani, sheefti worri nuuni hobaasu harka keesa keetani.
Ahazini waan jed'eeni, Anini akheekha naa kenni jed'e AABBO Waaqa inilaalad'u.
Aka nu agarru, worri gammachu qabu worra ufi saade ufi olfuud'e, nami waan hamtu tolchu hori ch'alla inhoratu ammo waan hamtu tolchu suniini Waaqa ilaalate duraa baha jettani.
Musafi Haruni gungumte waan jette, Sila guddo ira nuu dansa yo lafa Misiri keesati doone yokhaani ato lafa aloo tana keesati doonele!
worri kunini nami tokoleeni ka iraa hafe lafa tana seenu injiru. Worri guddinna kiyya ka bibiliqufi akheekha waan mama ka anini lafa Misiritiifi lafa aloo keesati tolche ya arge. Ammo worri maro heddu na ilaalate na ch'aqasu dide.
Waaqafi Musati gungumte waan jette, Atini maanifi lafa Misiri keesaa nu baafte, lafa aloo tana ta liqimsafi bisaani inqamne keesati nu fit'a? Nu sagale hamtu tana ya dad'amne!
Yesoni waan jed'eeni, Ammalle t'aafiini waan jettu, Aabbo Waaqa kanke inilaalatiini.
Maand'ichi waan Abbaani jed'e, Aabbo, hori hand'ura kiyya naa qoodi. Jennaani inni hori worra, lachuyu qoode.
Yesoni waan jed'eeni, Waan jed'ani, Aabbo Waaqa kanke inilaalatiini.
Duuba maafi Waaqati gamtani, qaampara jara Yeso ira keetani, ka ababoota teennaafi nuleeni baachu indandeenne?
Duuba Petroni waan jed'eeni, isani akami aka lubbu Aabbo sobdani wold'at'ani? Me ilaali, miili jara d'iirsa kanke awaale ammalle fulluma balbala jira, sile imfuud'ani.
Aabbole lalaachu himmalle, aka worri nami gari tolche, duuba bofi ide worra balleese.
Akuma gaafa lafa Massati kaani taatani, AABBO Waaqa keesani inilaalatina.
Ammalle isani Taberafi Masafi Kibroth-Hataavaleti AABBO Waaqa dallansiiftani.
Achiti ababooti teesani nati gamte, ato waan anini ganna afurtama keesati tolche argitele.
Qonqooni worri hayyu nuu kenni jed'e isa kad'ate sunini Samueli ingammachimne; tanaafi inni AABBO Waaqa kad'ate,