Bahisa 13:3 - KITAABA WAAQA3 Musani waan gumiini Israelitini jed'e, Guyya kana ka isani lafa Misiri boola tissooma keesaa baatani, ka AABBO Waaqi harka ufitiini lafa suni keesaa isani baase qaabad'a; qit'a bukho qabu inyaatina. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Ammo raagafi nama waan oobju himu ka akasi suni ijeesa; wonti akanatiifi inni AABBO Waaqa, ka lafa Misiri fulla isani tisse iti taatani keesaa isani baase, iraa gora jed'e isani barsiisa. Nami akasi suni hama, kara AABBO Waaqi keesani keesati bulla isaniini jed'e iraa isani gorsu fed'a. Tanaafi isaa ijeesuu maltani, aka waan hamtu akasi ufi keesaa baaftani.
Hojja sagale jila suni nyaattani, qit'a bukho qabu inyaatina. Haga guyya torba qit'a bukho inqamne nyaad'a akuma gaafa lafa Misiri keesaa baqatani tolchitani. Qit'a kana, ka qit'a gaargala jed'ani, nyaad'a, aka isani haga jirtani guyya lafa Misiri, ta isani keesati gaargaltani, keesaa baatani qaabattani.
Waaqi tokoleeni, ka taka deeme nama lafa d'ibi keesaa fuud'e nama ufii tolfate, aka AABBO Waaqi keesani isani lafa Misiri keesaa fuud'e injira? Ila teesani durati inni irre isaatiifi jabeenna isaatini gaargala lolaatiini d'ufe, waan taka nami arge ind'agayinifi waan mama tolche, waan nama sodaachisa heddu tolche.