Yo nami gosa d'ibi, ka isani keesa qubatu, aada Pasaka tolfachu fed'u, inni seerafi aada isii guute tolfachu male. Seeri jila tana nama ch'ufa ha takaa tahuti, gumi Israelitiifi nama gosa d'ibile taanaani.
Diri kunini dira iti baqatani ha tahuti, aka worra Israelitiifi nami gosa d'ibi ka imaltu d'ufeefi ka worra keesa qubatuleeni iti baqatu. Nami ch'ufti ka d'annu nama ijeese dandae dira suni tokoti baqata.