Bahisa 10:12 - KITAABA WAAQA12 Jennaani AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Harka kanke lafa Misiri gubbaa qabi, aka awaanisi lafa Misiri ch'ufa qabate waan baha ch'ufa ka bokaya d'akhaani roobu kaani iraa hafe nyaate fit'u. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Waan atini Harunini jettu, Ule tante fud'ad'u, bisaani lafa Misiri keesa jira ch'ufa ira olqabi, galaana taanaani, dambala taanaani, haro taanaani, fulla bisaani naqattu ch'ufa ira olqabi. Duuba bisaani lafa Misiri keesa jira ch'ufti d'iiga tahani. D'iigi sunini waan bisaani iti woraabani ch'ufa ka mukhaafi d'akhaani mid'aasani guuta.