Yo inni jed'e, kuno, AABBO Waaqi bira eja. Waaqi waan jed'eeni, Anini AABBO, Waaqa Abrahamutiifi ka Isaaqo; lafa atini amma ira ch'iiftu tana sifi ilmaani teetii kenna.
Jennaani inni worra Moabu dabsate, nama qaqabe lafa ch'ich'ifsise nama sadi ch'ufa keesaa nama lama fit'e. Duuba akanaani worri Moabu isa jalati bule gibira baaseefi.
Inni maneeni sunitini na d'iannaani, anini nama aka sibiila diima bibiliqu arge. Inni haada horogeetiifi ule woini biimani harkati qabate, balbala mana toko keesa eja.