Amosi 3:14 - KITAABA WAAQA14 Guyya anini worra Israeli maro daba worratiifi balleesu, waan sorio irati qalani ta Betheli balleesa. Ammalle gaafasi, gaafa waan sorio irati qalani ch'ufa iraa ch'ach'absani lafati jissani. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Eegi jilti sunini ch'ufti dabarte, worri Israeli ch'ufti dira Yuda ch'ufa d'aqe d'akhaaye old'ad'aabani ch'ach'abse, akheekha waaqa d'ara ka Ashera jed'ani ch'ire, fulla sorio iti qalanifi ta waaqa d'ara iti kad'atanile balleese. Akasuma lafa Yuda ch'ufafi ta Benjaminitifi ta Efraimutifi ta Manase keesati tolchani, kaani worra ufiti galani.
Anini AABBO Waaqa, ka d'aatu fulla sorio iti qalani eju arge. Inni waan jed'e, Fiit'e utuba Mana Waaqaa d'ai, aka mikhikili balbalaa chochou. Utuba suni fiit'e iraa ch'ach'absi, aka fiit'eeni suni nama arti jiru ch'ufa ira jiddu. Duuba anini nama hafe kaani ch'ufa goraadeeni balleesa, tokoleeni na dura bahe imfiigu.