4 Yo nami qilleensafi dumansa Waaqaa ka roobaa deebiu eegu, inni ituma deebie mid'aani fach'aase imuratu.
Nami oobru qabu, ka hojja fach'aasa oobru inqotanne, gaafa mid'aani murtani woma inargatu.
Abeebi woma inguunne, Nyeench'ati na nyaata jed'e, worraa bahu dida.
Yo dandeetu ch'ufa, nama qarqaarsaa male ch'ufa qarqaari.
Mukhi gamuma fuula deefate qaariu ch'iisa. Dumansi yoomi galmau rooba.
Waaqi ka waan ch'ufa uume, akuma atini ilmaani garaa haad'a keesati uumamte waan isiini uumamtteeni imbeenne, akasuma atini waan inni tolche imbeenne.