Ee Waaqa, nu d'agayi nu ilaali, gaargala nu keesa jirufi d'iba dira maqa kanke qabu argi. Nu d'uga qamna jenne si inkad'annu, ammo maro naasu tante guddotifi si kad'anna.
Gaafa isa arabsani inni taka nama inarabsine; isa gaargalchinaani inni nama tokole insodachiimne, ammo abdi ufi, Waaqa d'uga, ka d'uga gula wo qoru, gubba keyate.