Isiini waan jetteeni, Anini maqa AABBO Waaqa kanketitini kakhad'a, anini qit'a tokole inqabu. Wonti anini qabu dargaye diqo toko ta qori ke jirtufi d'ad'a diqa toko ka killa ke jiru. Anini qoraani ch'absachu arma d'ufe, aka duuba deebie waan diqo qabu suni d'aabad'e ilma kiyya woliini nyaanne, wolumaani doonu.