19 Nami karaa yau, ka Shebafi Tema yau, bisaani d'ugu abdata,
Ilmaani Kushi tana: Seba, Havila, Sabta, Raama, Sabteka. Ilmaani Raama: Shebafi Dedani.
Hadadi, Tema, Yeturi, Nafishi, Kedema.
Yokshaniini abba Shebafi Dedani; ijoolleeni Dedani gosa Shuriti, gosa Letushitiifi gosa Leumi.
Hayyitiini lafa Sheba gura Solomoni d'ageete jennaani imaltu gara Yerusalemu d'ufte, dubbi jajabdu isa gaafatte.
Worri gosa Seeba d'ufe, tassa nu had'e, hori nuraa fud'ate, ana male hojattu tante ch'ufa fit'e. Nami fiige ka oduuni si d'ufe anuma ch'alla.
Jaalani Ayubuu sadeeni, Elifazi, ka worra Temanitiifi Bildadi, ka lafa Shuhitiifi Sofariini ka lafa Naamathi, aka inni gaargale d'ageennaani woligalani, waan inni keesa jiru gaafachu d'aqani.
Nami karaa yau, ka bisaani barbaadu, karaa iraa gore bada; worri lafa mare lafa aloo ta gamooji keesati hobaha.
Hayyooti Tarshishitifi ta lafa d'aatu bisaani jirtuleeni damoosa isaa baafti. Hayyooti Araftitifi ta sidaama woi isaa baafti.
nama d'eebu qabu ka isaniini bahu ch'ufa bisaani obaasa. Isani worri lafa Temaleni, nama baqate isaniini bahe sagale kennaafi.