7 Akuma qaanqeeni ch'ech'eetu, namileeni gaargalati d'alata.
Nami d'alatu ch'ufa guyyaani isaa gabaaba, sunileeni gaargaluma ch'alla.
Jireenni namaa lafa irati gaargaluma hamaaniti? Bultiini isaa bulti tisse infakaatu?
Ganni nu teennu torbatama ammo ya nu nama jaba taane saddeetamafa gaha; ammo taatule wonti nu ira argannu gaargalumafi laalala, jireenni keenna gabaaba, yoosu dabra.
Wonti ch'ufti nama dad'absiifti — waan nami dandae dubbatuuniti. Ilti waan agartu inquuftu; gurrileeni waan d'agayuuni inguutamu.
Nami hojate jireenna ufi keesa heregaani deeme maani iraa argata?
Nami haga jiru ch'ufa heregafi gaargala qaba. Halkanile qalbiini isaa imbultu; tuleeni woma imbaatu.
Isi, anini maafi saaba haad'a tiyya keesa bahe, d'ipufi gaargala argad'e jireenni kiyyaleeni ch'eeraani hobaa?
Ilaalachaani namati d'uftu woma qara lafa jiraati. Ammo Waaqi kakhu ufi jabeesa. Inni ilaalacha isani ira hafu indandeenne isaniti inllakisu. Ammo hojja isani ilaalatani, inni jabeenna isani obsitani keesaa batani isanii kenna.