3 Atini, Nami tae qarooma kiyyaani mormu kunini eenu jette? Na gaafate, ka anini ufiftu woma imbeenne. Anini woma imbeenne, waan mama ka dandae waan isii inhubanne dubbad'e.
Waan Waaqa ka d'ossani, dandeete keesa imbeeta? Atini dandeete guddinnaafi jabeenna Waaqaa muumme inhubata?
Guddinni Waaqaa lafa ira ballaa baariile ira d'eera.
Anini waan kana ch'ufa ya ila tiyyaani arge, gurra kiyyaani d'agaye hubad'e.
Atini Eenu, ka qarooma kiyya dubbi tante daalliti woma keesa injirreeni moromtu?
Inni waan jabdu mama ka nami dandae inhubanne, tolcha.
Ee AABBO Waaqa, anini ufi saadu ya lakise deebie ufi inkoorsu. Anini waan jabdu waan inhubanne keesa imbuu.
Atini aka male waan kiyya beeta; waan suni anini dandae inhubad'u.
Ee AABBO Waaqa keenna atini waan dansa heddu nuu tolchite; nami aka keeti tokoleeni injiru. Atini waan mama heddu nu tolchite, ka anini dandae amma toko tokooni maqa ind'oomne!