32 Inni hojja bisaani keesa deemu kara bibiliqa ufi duubati lakisa baariinile hoomacha adi tolcha.
Ammalle ifsaani kuni ha gubbaa ifsu, aka lafti ifsa argattu jed'e. Duuba akuma suni taate.
Gaafasi lafti duwa, fuula inqabdu, aka injirtu, ammalle dukanti d'immu bisaani gubbaa jirti. Irreeni Waaqa guddooni bisaani gubbaa dedeemti.
Atini ammo ganna heddu teete, gaafa dootu awaala dansa argatta.
Ammo Yakobooni waan jed'eeni, Gurbaani kiyya isani gula indeemu, oboleesi isaa qara due, isa ch'allati hafe. Hegeri karaati wo taha, anini ya jaare hobae, lubbu isaa dandae iraa inhafu.
D'immuuni bisaani qaroomi na keesa injiru jetti baariinileeni inni na keesa injiru jed'a.
Atini taka madda d'immu bisaani keesa jirtu ya d'at'e? Atini taka bisaani baariini keesa lit'e, lafa ira ya deemte?
Bisaani ch'ufti jabaatani d'akhaa taani, baariinileeni qabanae ligidae.
Inni aka bisaani danfisani baariini woch'isisa, akuma d'ad'a bassani dulooti naqani woch'isisa.
Wonti lafa tana keesa jira ka isaani wolfakaata injirtu; inni bineensa woma insodaanne,
Nami lubbu bule arri baase nama d'ugaa ka Waaqi eebise.
Dansumti kaima, jabeenna isaati, mid'aagumti jaarsa, arri isaati.