6 Atini qara Waaqa sodaate, ch'ubbu lagatte; tanaafi sila akana teete garaa hamachu himmalle.
Ee AABBO, aka anini garaa tokooni si hojad'e sii saalfad'e woma atini feetu ch'alla tolche qaabad'i; akasi jed'e aka hama bohe.
Duri namicha tokoti jira, ka Ayubu jed'ani, ka arda Uzi keesa godaanu, inni nama d'uga qajeela, ka Waaqa sodaate waan hamtu lagatu.
Anini abdi waan tokole inqabu, tanaafi ato Waaqi na ijeese ho? Anini insodaad'u amma ufi dubbad'a.
ammo taatule anini harka kiyyaani waan hamtu intolchine, kad'achaani tiyya ta d'ugaati.
Abdiini tiyya tokoleeni me re? Nami tokoleeni ka argu injira?
Ee AABBO Waaqa d'uga naa muri, wonti akanatiifi anini ya waan d'uga tolche, si ch'alla d'aabad'e.
Ato duuli na marsele anini insodaad'u, ato nyaapi na had'ele anini garaa jabaad'a.
Nama AABBO Waaqa sodaatu isaafi ijoolleeni isaaleeni fulla iti baatu qabdi.
AABBO Waaqi si qorqorate t'urura keesa buu si d'owa.
isii jabeese qorqorata. Inni guyya ch'ufa gumi ufi baase, beekhumafi qarooma kennaafi. Wonti guddo worraa wo baha soda worri AABBO Waaqa sodaatu.
Tanaafi qalbi teesaniini kurfefad'a. Gurra d'aaba, ch'aqasa; abdi teesani, eeba hojja Yeso Kristoni mullatu isanii kennani, ira keyad'a.
Hojja Waaqa, ka nama ch'ufa waan inni tolche gula aka taka qoru kad'attani, Aabbo jettaniini; tanaafi haga lafa tana keesa jirtani isa sodaachu maltani.