27 Eenuti lafa bonte gogode bokaya iti roobe marra iti baasa?
Waaqi bokaya lafati rooba; bokeeni sunini gaargala namaatiini d'ufa, yokhaani eeba namatini d'ufa.
Atini gubbaa gaareeniti ga roobde, laftileeni eeba teetiini guutamti.
Atini marra horii baafte, mukhale nama baafta; aka akasiini inni mid'aanifi daad'i isa gammachiiftuufi; d'aad'a inni ifsaatufi qit'a jabeenna isaa kennule ira argatu.
Inni laafa gamooji garagalche lafa bisaani tolche lafa gogoddule madda burqitu tolche.
Inni dumansa gubbati guure, bokaya lafati roobe buuyo gaareeni gubbati baasa.
Lafa horiini tikhatu ch'ufa horiini keesa guute lape gaareeni ch'ufa irati gammadani.