5 Jecha Waaqaa gula wonti mama taati, wonti taka inargini, ta nami dandae inhubanne.
Waan Waaqa ka d'ossani, dandeete keesa imbeeta? Atini dandeete guddinnaafi jabeenna Waaqaa muumme inhubata?
Ammo tunini jabeenna isaa haguma diqa toko nu garsiifti; wonti isaa ka nu ind'agiyiini, guddoti hafe! Eenuti dandae d'uguma jabeenna Waaqa haga beekha?
Nu dandeenne guddinna Waaqa ch'ufa inhubannu, yokhaani ganna isaa haga imbeennu.
Ayubu me miila d'abad'i, waan mama ka Waaqi tolchu heregi.
Atini aka dumansi gubba deeme, qalbi Waaqaa guddo garsiisu beeta?
Isani ch'ufti qonqo Waaqa ch'aqasa, mandisu afaani isaa keesa baatu.
Duuba eege, qonqo isaa ta manditu, d'agayani, qonqo mandisu guddo, ta yo ch'ufa angaasuuni woliini jirtu.
Atini aka kiyya jabaa? Qonqooni tante aka tiyyaa imandiiti?
Inni waan jabdu mama ka nami dandae inhubanne, tolcha.
Nu waan mama jabdu inni tolchu dandeenne inhubannu waan mama heddu ka henna inqamne.
Inni t'iya ufii darbate, nyaapa isaa gargari firfirse, angaasu isaatini worra ufi dura gusse.
Qonqo AABBO Waaqa bisaani gubbati d'agayani, Waaqi guddaani mandie, hoga isaa baariini keesati d'agayani.
Inni hojja waan ch'ufa tolchani ya mid'aase. Inni herega waan iti deemani ya namaa kenne, ammo waan inni tolchu quubse nama ingarsiisu.
Isani imbeetani? Isani ind'ageenne? AABBO Waaqi Waaqa haga jiru jireenna jiru; lafa ch'ufa haguma geetuuni isumati uume. Inni dad'abe illaafu. Nami tokoleeni herega isaa inhubatu.
Duroomi Waaqaa waan gudda! Qalbifi hubachaani isaa waan guddo! Eentu waan inni muru beekha? Eentu kara isaa hubata?
Sirba Musa hojattu Waaqatiifi sirba Ilme Hoola sirbu jirani: Aabbo, Waaqa Gudda, wonti atini tolchitu ch'ufti waan mamaati! Karaani kanke ka d'ugaati ammalle qajeela!