Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Aayubu 32:8 - KITAABA WAAQA

8 Ammo lubbu Waaqa guddati d'ufe qarooma namaa kenna.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Aayubu 32:8
24 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Faraoni waan jed'eeni, D'iiro, nama Yusufu ira jiru, ka lubbuuni Waaqaa ke jirtu, inarganna?


Duuba Faraoni waan Yusufuuni jed'e, Eegi Waaqi waan kana ch'ufa si garsiise, nami tokoleeni ka aka kanke malafi qaroomale qabu injiru.


anini waan atini kad'ate suni amma sii tolcha. Anini qalbiifi hubacha ta nami haguma d'alate inargatini, yokhaani ta nami tokoleeni haguma jiru inarganne sii kenna.


Worri Israeli aka hayyuuni dubbi suni mure d'agaye jennaani, guddo isaa sodaatani saalfatanifi, wonti akanatiifi worri yayu aka Waaqi qalbi d'uga gula woini murani suni isaa kenne hubate.


Ammalle Waaqi qalbiifi heregafi hubacha guddo muumme inqamne Solomonini kenne.


Jari kiyya mukha Lebanoni ch'ire baariiniti gajisse, achiti wolti hid'ani aka bisaani galaana suni fuud'ani fulla atini feetuni d'ufani. Duuba achiti jari kiyya gargari hiikhe, jari kanke guurata. Atini gama kanketini sagale jara kiyya kennu malte.


Qaroomafi jabeenni ka Waaqati, inni hubachaafi irre woini tolchu qaba.


Waaqi jaba, waan ch'ufa indabsata; ka wo sobuufi ka sobanileeni ch'ufti harkuma isaa keesa jira.


Inni gurra nama bane gorsaani nama mudamsiisa.


Lubbuuni Waaqa na uumte, hafuuri Waaqa gudda jireenna naa kenne.


Worri Waaqa bineensafi simpirre ch'ufa ira qalbi nuu kenne inkad'atu.


Eenuti hojja galaani Nile fach'au dakhayeti hima? Eenuti aka bokai roobu bararatooti hima?


Nami qarooma namaa kennu AABBO Waaqa, isa iraa beekhaafi hubachaani baati.


AABBO Waaqi qalbiifi herega nuu kenne; nu dandeenne nafa keenna wa ind'ofannu.


Waaqi qaroomafi beekhumafi gammada nama isa gammachiisuu keenna; ammo inni nama daba hojachiise, aka waan inni argateefi waan olkeyatu nama Waaqa gammachiisuu kennani. Tunileeni woma imbaatu, seeruma nama qilleensa gussuuti.


Kara inni huji tana ch'ufaani hojate Waaqumati garsiise.


Waaqi jara kaima afrani kaani beekhafi hubacha waan soomanini baratani kenneefi. Tana malele inni Danieli qalbi inni daayyafi oobjuuni himu kenneefi.


Barafi wogaale ch'ufa isumati harkaa qaba; hayyule isumati barch'uma ira teesise, ammalle iraa buusa; nami qaroomafi hubacha namaa kennu isuma.


Lubbuuni nama toko dubbi qalbi kenniti, ammo nama d'ibi Lubbumaani suni dubbi hubacha kennitiifi.


Wonti akasitiifi t'aafiini ch'ufti hafuura Waaqaa qabdi ammalle wo baati, isi d'ugani barsiisani, wollaalaani gorsani, qajeelaani garsiisani, waan jireenna dansaatiini barsiisani,


Yo nami tokoleeni isani keesa beekha d'abe, ha Waaqa kad'atu, duuba Waaqi naaso, hifacha male waan ch'ufa namaa kenna.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ