12 Worri seseegi akana kunini na lakisu dide, na gusse, lafa ira na balleesu fed'a.
Biyyiti na goyeesite, na marsite, fuula keesa na d'oofti.
Inni duula ufii had'iisa nati erge, worri boola qotate waaro tiyya marsa.
Ijoolleleeni na goyeesite, yo na gartu na tufati.
Nami ch'ufti woldabsa, kaimi jaarole insaalfatu, nami seseegi ufitu woma keesa injirre gudda ufiti saalfachuu dida.