2 Waaqi jabeenna qaba; nami ch'ufti isa sodaachu male; inni gubba nagaya tolche, aka dansa fida.
Nama gara Waaqa gubbaati d'uga na tahe na dubbatutii jira.
Jennaani Bildadiini, ka gosa Shuhi, waan jed'eeni:
Waaqi guddaani maani nu tolcha? Huji namati jed'e maani namaa kenna?
Qabad'i aka irreeni Waaqa guddo. Eenuti aka isaa dandae wo barsiisa?
Waaqi guddo jabeenna qaba! Inni nama tokole intufatu, wonti inni imbeenne injirtu.
Nu dandeenne Waaqa gudda ind'aqamnu, jabeenna isaa dandeenne iti ind'iaannu; inni nama indabsu, d'uga gula nama qajeelcha.
AABBO, anini imbeekha, aka atini waan ch'ufa tolchu dandeetu; nami waan atini tolchu feetu dandae d'owu injiru.
Waan isani Waaqaani jettani, wonti atini hojattu ch'ufti waan mamaati! Irreeni tante guddo jabdu tanaafi nyaapi kanke mudame si durati qanch'oorata.
Atini mura tante gubbuma nama beesifte; gaafa atini olejite dubbi atini murte suni namati himte, nama keesati dabsani ch'ufa baafte, lafti ch'ufti sodaate, afaani qabate.
Anini Waaqa gudda, qulqullo, haga jirule tau. Anini gubba fulla qulqullo taa, ammo nama ch'ubbu iraa deebie ufi diqeesule woliini taa, aka akasiini garaa worraa jabeese abdi kennuufi.
Anini nama fagootifi ka d'iole nagaya isanii kenna jed'e worra fayyisa.
Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.
Ayyaana worra nagaya tolchu: ilmaani Waaqa jed'aniini!
Ilaalacha nutiini ind'ufiini, ammo waan hamtu nuraa d'owi.
Ilma isaatiini, Waaqi uumamaa ch'ufa gara ufi deebise. D'iiga Ilma isaa ka maskali gubbati jigeeni nagaya tolche, akanaani waan lafafi gubba jira ch'ufa gara ufi deebise.
Waaqa tokocha, Qarqaarsa keenna, Aabbo keenna Yeso Kristo keesa, guddinnaafi ulfinnafi humnafi jabeenni ka duriitifi ka ammalleeni ha tahu, ammafi hegerile! Amini.
Gaareenifi d'akhaye yaamani waan jed'ani, Nurati jiga, ila nama barch'uma hayyuma gubba taufi dalansu Ilme Hoola dura nu d'ossa!